Qaaccessa Raawwii Sirna Ulmaa Dubartii Oromoo Godina Arsii Aanaa Xannaa
No Thumbnail Available
Date
2017-08
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Kaayyoo gooroon qorannaa kanaa raawwii sirna ulmaa dubartii Oromoo Aanaa Xannaa qaaccessuu irratti fuulleffachuun kan gaggeeffameedha. Kaayyoolee gooree qorannicha keessatti dhiyaatan kanneen akka adeemsa sirna ulmaa ibsuu; faayidaa kabajni sirna ulmaa hawaasaaf qabu addeessuu; hirmaattota sirna ulmaafi gahee isaanii ibsuufi hawaasa keessatti sadarkaa sirni ulmaa yeroo ammaa irra jiru fa’aaf yaadaafi afgaaffii iddattootaaf dhiyaate qaaccessuun kan deebiseedha. Qorannaan kun boqonnaa shanitti hiramuun kan qindaa’e yoo ta’u, tokkoo tokkoo boqonnaa jalatti dhimmoonni qorannichaan wal qabatan dhiyaataniijiru. Boqonnaa duraa jalatti ka’uumsi, kaayyooleen, barbaachisummaa, daangaafi hanqinnaa qorannichaa dhiyaataniiru. Boqonnaa lama jalattis sakatta’a barruuleewwaniifi yaaxxinaaleen qorannicha deeggaran ibsamaniiru. Boqonnaa sadi jalatti immoo malleen qorannichi qaacceffameen kan addeeffamaniidha. Kunis, qorannichi bifa qorannaa qulqullinaatti dhimma kan bahe yoo ta’u ragaleefi odeeffannoon adeemsa qorannoo qulqulinaatiin funaannamanii qindaa’an, seecca’anii dhiyeessuuf, ragaaleen walitti qabaman bifa qorannaa ibsituutiin ibsamaniiru. Iddattoonni qorannichaas mala akkayyoofi darbaa dabarsaatiin kan filataman yoo ta’an, maddi ragaalee qorannaa kanaas kallattimaan namoota raawwii sirna ulmaa nibeekan jedhamanii malleen olitti ibsamaniin filataman odeefkennitoota saddeetiif gaaffilee afgaaffii dhiyeessuufi dokimentoota sakatta’uunis qorannaan kun gaggeeffameera. Boqonnaa afur jalattis hojii ijoo qorannichaa kan ta’e, qaaccessi raawwii sirna ulmaa dubartii oromoo Aanaa Xannaa bu’uruma ka’uumsaafi kaayyoowwan gooree qorannichaatiin kan qaacceffamaniidha. Guduunfaafi argannoowwan qorannaa kanaan irra ga’amanis boqonnaa shan jalatti gadi fageenyaan ibsamaniiru. Argannoon kunniinis, kabajni sirna ulmaa dubartii Oromoo Arsii Aanaa Xannaa hanga har’aatti afaanumaan qofa dhalootaa dhalootaati lufaa kan dhufe ta’us, akka fookilooritti duudhaasaa qabatee turuu danda’uun, safuufi aadaa hawaasichaa eegsisuunsaa cimina ta’uu bira ga’ameera. Haa ta’u malee, yeroo ammaa dhiibbaa keessaafi alaa irraa kan ka’e ilaalchi hawaasnii dur bal’inaan sirna ulmaa dubartii kabajaa tureefi qaamman gara garaa aadaa kabaja sirna ulmaa irratti amma qaban laafaa ta’uun, sadarkaan sirni kun ammaa irra jiru gadi bu’aa, awwaalamaa kan jiru, kallatti hundaanuu kunuunsaafi xiyyeeffannoo guddaa kan barbaaduufi kkf akka ta’e argannoo qorannoo gaggeeffame kanarraa mul’ateera.