Xiinxala Akaakuwwan Madaallii Barsiisonni Kutaa 9ffaa Barnoota Afaan Oromoo Barsiisan Daree Barnootaa Keessatti itti Fayyadaman

dc.contributor.advisorTulluu, Gabbaroo
dc.contributor.authorAbubakar, Abdurrahiim
dc.date.accessioned2018-07-19T06:46:23Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:26:22Z
dc.date.available2018-07-19T06:46:23Z
dc.date.available2023-11-30T04:26:22Z
dc.date.issued2008-07
dc.description.abstractKayyoon gooroo qorannoo kanaa gosa madaallii barsiisonni manneen barnoota sadarkaa lammaffaa Aanaa Digaluufi Xiijootti kutaa 9ffaa barnoota Afaan Oromoo barasiisan daree barnootaa keessatti barattoota isaanii madaaluuf itti fayyadaman adda baasuudha.Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga’achuuf,qorataan ragaawwan qorannichaa funaanuuf mala qorannoo makoo gargaaramee jira. Qorataan manneen barnoota Aanaa Digaluufi xiijootti argaman keessaa :Mana Baruumsa Saaguree Sadarkaa 2ffaa, Mana Baruumsa Xiijoo Sadarkaa 2ffaafi Mana Baruumsa Digaluu Sadarkaa 2ffaa mala carraa kaayyeffataan filatee jira.Odeeffannoo kennitoonni barsiisota 12, barattoota 36, Koree Deeggarsa Muummee Afaanii 9fi Supparvayzara 1 mala iddatteessuu hammargeefi mala iddatteessuu kaayyeffatan hirmaatanii jiru. Gama meeshaa funaansa ragaatiin bargaaffii barsiisota qofaaf dhiyeesuufi afgaaffii barsiisotaa, barattoota, Koree Deeggarsa Muummee Afaaniifi Supparvzaraaf dhiyeessuun akkasumas, karoora guyyaa sakatta’uun ragaan funaaname hammamtaafi akkamtaan ragaan walitti qabame addan qoodamuun xiinxalameejira.Argannoon qorannoo kanaas:barsisonnii Aanaa Digaluufi Xiijootti manneen barnoota Saguree,Xiijoofi Digaluutti kutaa 9ffaa Barnoota Afaan Oromoo barsiisan barattoota isaanii madaaluuf tooftaa muraasa kanneen akka: hojii manaa kennuu, gaafii afaaniifi qormaata battalleefi xumura semisteera qofa kan fayyadaniifi kaayyoo madaallii barachuu barattootaa hubachuuf (assessment of learning) qofa ta’u isaafi barsiisonnii madaalii booda duubdeebii barattoota isaanitiif kan hin kennine waanta’eef ogummaa ofii isaanii kan hin fooyyeffanne ta’uun isaanii argannoo qorannoo kanaatiin bira ga’amee jira.Kanumarraa ka’uun qorattichi yaada furmaata armaan gadii yoo kaa’uu, barsiisonni,tooftaa madaallii adda addattii osoo dhimma bahanii gaarii ta’uu ,akkasumas barsiisonni madaalli irratti hubannoo ga’aa qabachuuf osoo leenjii addaa addaa argatanii gaarii ta’uufi madaalii kaayyoosadiinifuu(assessment of,for,as learning) osoo fayyadamanii bayeessa ta’uufi duubdeebii kenuun ogummaa isaanii akka gabbifatan qaamni dhimmi ilaalu osa hordoffii taasisee gaariidha kan jedhu kaa’eeraen_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/9334
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.subjectAkaakuwwan Madaallii Barsiisonnien_US
dc.titleXiinxala Akaakuwwan Madaallii Barsiisonni Kutaa 9ffaa Barnoota Afaan Oromoo Barsiisan Daree Barnootaa Keessatti itti Fayyadamanen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Abdurrahiim Abubakar,.pdf
Size:
1.24 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: