Garaagarummaa Looga Afaan Oromoo Jiillee Tuulamaafi Wayyuu Arsii Gidduutti Mul'atu Gama Xinqooqa Hawaasummaatiin

No Thumbnail Available

Date

2022-01

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Afaan Oromoo uummata itti fayyadamu baay'ee ta’e qabaachuufi Oromiyaan lafa bal’aa qabdu irratti ummanni ishii addaan fagaatee qubachuu isaa irraa kan ka’e,loogawwan garaagaraa akka qabaattuuf sababa ta’eera. Kanamalees, hawaasuma afaan tokko dubbatufi daangaa waliin qooddatu gidduutti garaagarummaan loogaa akka jiru hubachuun nidanda’ama. Oromoo Waayyuu Arsiifi Jiilleen Tuulamaa ollaa waliiti. Daangaa waliin qooddatu,Afaan tokkos,Afaan Oromoo dubbatu. Garuu,loogaan garaagara. Haaluma kanaan,qorannoon kunis,kan adeemsifame garaagarummaa looga Afaan Oromoo hawaasa Oromoo godina Shawaa Bahaa aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaafi aanaa Booraa irratti xiyyeeffachuun kan xiinxalamee kan dhiyaatedha. Ka'umsi qorannoo kanaas, dhimma loogawwan Oromoo Jiillee Tuulamaafi Arsii Waayyuu ilaalchise wal madditti qabuun dhamsagaa hanga himaatti xiinxalli gaggeeffame hinjiru. Kun immoo garaagarummaa loogawwan kanneen qaban hubannoo kanaaf qabnuu hir'isuu danda'a. Hir'inni hubannoo kunis hubannoo waliigalaa looga Afaan Oromootiif qabnu uumuu danda'a. Yaada jedhuutu sammuu isheetti uumeejira. Kanaafuu,qorattuun barattoota gidduutti,gabaafi bakkeewwan walga'iitti garaagarummaan loogaa kun saba tokkicha afaan tokko dubbatuufi daangaa waliin qooddatu gidduu jiru maal maal akka ta'ee xiinxalli gaggeessun garaagarummaa dhamsagaa hanga himaattii qabachuun isaanii adda bahe jira. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas garaagarummaa looga Oromoo Jiillee Tuulamaafi Waayyuu Arsii gidduutti mul’atu wal-bira qabuun xiinxaluun ibsuudha. Maddi odeeffannoo qorannoo kanaaf hojiirra oole madda tokkoffaadha. Iddattoo carraa tasaa gargaaramuun odeeffannoon afgaaffiifi daawwannaan funaanamee mala akkamtaan qaacceffame. Haaluma kanaan,garaagarummaan looga Jiillee Tuulamaafi Waayyuu Arsii gidduu sadarkaa sagaleetii hanga sadarkaa himaatti ta’uu adda ba’eera. Akkasumas,garaagarummaan loogaa kun hawaasa yookiin afaan kameenu biratti jiraachuu isaa beekuu dhabuu hawaasichi ilaalcha sirrii waliif akka hinqabne bira ga’ameera.

Description

Keywords

Citation