Qaaccessa Fayyadama Afaanifi Sirna Araara Koottu-Dhufee Oromoo Arsii Aanaa Shaallaa

No Thumbnail Available

Date

2008-07

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Mata-dureen qorannoo kanaa “Qaaccessa Fayyadama Afaaniifi Sirna Araaraa koottu-dhufee Oromoo Arsii Aanaa Shaallaa” jedhuudha. Mata-duree kana jalatti maalummaa waldhabdee akka addunyaatti, Afrikaafi akka biyya keenyatti ibsuudhaan kana jalqabeefi maalummaa wldhabbii, gosoota waldhabbii, sadarkaalee waldhabbiifi haala sirna araaraa bifa hammayyaafi aadaatiin maal akka fakkaatu ibsuun kan jalqabeedha. Sirna araara koottu-dhufee keessatti namoonni sirnicharratti hojjatan jaarsolee hawaasa sana keessatti filataman kanneen gosa isaanii bakka bu‟aaniin ta‟ee, waldhabbiilee namoota gidduutti uumaman baay‟inaan kan furaa turan isaan akka ta‟e qaacceeffamee jira.Ragaawwan qorannoo kanaa kan qindaa‟an hawwaasa keessatti bakka sirni koottu-dhufee adeemsa isaafi malawwan iddatteessuu: kaayyeffamaa keessaa hamma argee ta‟uun tarreessee jira. Odeffannoo kennitoota dhimmaarratti hubannoo gahaa qaban filachuun af-gaaffii battalaa jaarsolee utaa waayyuu taa‟anii sirna kana gaggeessan bira deemuun waraabbii funaansa ragaa qabatamaa rawwachiisuudhaan. Qorannoon hayyoota waldhabbii hiikuufi kanneen isaan walqabatan yaaxinna, maalummaa, sababa, sadarkaa, gosoota waldhabbii, waldhabbii jaarsummaan hiikuu, adeemsa araarri itti gaggeeffamu, araaraan dura waantoota raawwataman kanneen jedhaman qorannoo kun ofkeessatti hammatee jira. Qorannoon kun sirna araara koottu-dhufee adeemsa sirna araara koottu-dhufee, sirna araara koottu-dhufee, hirmaattota koott-dhufee, Itti fayyadama afaanii koottu-dhufee keessatti maal akka fakkaatu, caaculee sirnchaa, yoomessaa, faayidaa, ilaalcha hawaasaa sirna kanarratti qaban akkasumas dhumarratti guduunfaa, argannoofi yaboo kaa‟uun raawwatee jira. Itti fayyadama afaanii sirna araaraa keessatti maal akka fakkaatu sadarkaa jecha, gaaleefi himaatti hiikaafi itti fayyadama isaa bal‟inan taa‟ee jira. Akkasuma fayidaalee mamaaksi sirna araaraa keessatti qabuu, haala itti fayyadama isaa ibsa taa‟ee jira.

Description

Keywords

Fayyadama Afaanifi Sirna Araara

Citation