Ogummaa Bareessuu Gabbifachuu Keessatti Rakkoolee Barattoota Kutaa 9ffaa Mudatan Adda Baasuu: Haala Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Garba Gurraachaa

No Thumbnail Available

Date

2016-07

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannichaa, rakkoowwan ogummaa barreessuu gabbifachuu keessatti barattoota kutaa 9ffaa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Garba Gurraachaa mudatan adda baasuudha. Qorannoo kana galmaan gahuuf, mallin itti gargaarame, mala makaa; mala akkamtaafi mala ammamtaatti. Kunis, madda ragaa kan ta‟an adda baafachuun hojiirra oolera. Iddattoonis, mala iddatteessuu sirnaawaan barattoota bara 2008/2016 kutaa 9ffaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Garba Gurraachaatti barachaa turan keessaa iddattoo filachuun, akkasumas, barsiistota mana barumsichaatti Afaan Oromoo barsiisan shanirraa odeeffannoon funaannameera. Haalli iddattoon ittiin filatamanis, barattoota dareewwan 18 keessatti barachaa jiran 1019 keessaa %33 kan ta‟an, barattoonni 336 filatamaniiru. Odeeffannoo kanas, meeshaalee funaansa ragaalee kanneen akka bargaaffii, afgaaffiifi daawwannaa dareetti gargaaramuun funaannamuunn, mala makaatiin qaacceffamaniiru. Odeeffannoon funaannaman kunniinis, isaan jechaan ibsaman, mala akkamtaan, kanneen lakkoofsaan ibsaman immoo mala ammamtaan qaacceffamaniiru. Qaaccessi odeeffannoo bargaaffiileefi daawwannaa darees, akka ifa ta‟uuf gabateedhaan deeggaramuun ibsi barbaachisaa ta‟e itti kennameera. Haaluma walfakkaatuun, odeeffannoon jechaan ibsamanis, akkaataa walfakkaatuun walitti fiduun ibsi itti kennameera. Qaaccessa kanneenirras rakkooleen barattoota kutaa 9ffaa mudatan kanneen akka hanqina caaslugaa, sirna tuqaaleefi qubguddeessaa, hanqina yaada qindeeffachuu fa‟a akka ta‟an hubachuun danda‟ameera. Kanarraa kan ka‟e barreeffama gabaabaa, xalayaa, keeyyataa ulaagaa guute barreessuuf bareessuurratti hanqina bal‟aa akka isaan mudateera. Kanumarraa ka‟uun, dhumarratti hubannoo qorannicharraa argamerratti hundaa‟uun, yaanni furmaataa /yaboon/ kaa‟ameera.

Description

Keywords

Bareessuu Gabbifachuu Keessatti Rakkoolee

Citation