Xiinxala Ergaa Dhoksaa Geerarsa Diddaa Siyaasaa: Aanaa Horroo Gama Xiinkaalaatiin

No Thumbnail Available

Date

2021-03-01

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun Godina Horro Guduruu wallaggaa Mata duree Xiinxala Ergaa Dhoksaa Geerarsa Diddaa Siyaasaa: Aanaa Horroo gama Xiinkaalaatiin jedhurratti gaggeeffame.Kunis haala siyaasa Aanaa Horroo Keessatti bareen darbaan keessa sosochii fincila/diddaa afoola adda addaan sirbaan, geerarsaanfi cigoon kallattii hedduun hawaaasni keessatti hirmaachaa turee jira. Haata‟u malee geerarsoonni kunniin qaacceffamanii barraa‟anii oltaa‟aniiran hin mul‟atan. Kana irraa ka‟uun geerarsoota baroota kanaa toora tooraan galmeessanii qabiyyeefi faayidaa geerarsa diddaa siyaasaa hiikaa gama xiinkaalaan ibsuu barreeffamaan olkaa‟uun dhimma ijoo ka‟umsa qorannoo kanaati. Haaluma kanaan ka‟umsi qorannoo kanaa geerarsa diddaa siyaasaa bareen darbaan ibsaman kanaa haala yoomessa isaan ergaa dhoksaa, qabiyyeefi faayidaa isaanii ibsuufi akka hindagatamneef ol kaa‟uun barbaachisaa ta‟uu akka ka‟umsaatti xiyyeeffachuun dhiyaate. Akka walii galaatti kaayyoon bu‟uuraa qorannoo kanaa ergaa dhoksaa geerarsa diddaa siyaasaa Aanaa Horroo gama xiinkaalaan addaan baasuun ibsuudha. Akka kaayyoo gooree qorannoo kanaatti ergaa dhoksaa ilaalcha geerarsa dubaa jiraani addaa baasuu. Qabiyyee geerarsa diddaa siyaasa addaan baasuun ibsuu. Faayidaa geerarsa diddaa siyaasaa hiikaa gama xiinkaalaan ibsuudha. Kana galmaan geessisuufis qorannoon kun bu‟uura dhiyaannaa qorannoo akkamtaa ta‟ee mala qorannoo ibsaatu hojiirra oole. Ragaan qorannichaa madda ragaa 1ffaafi 2ffaa ta‟a. Kunis galmee sakatta‟uufi kanneen waraabamanii jiran barreeffamaan dhiyeessuuni. Ragaalee qaaccessuu keessatti namoota waa‟ee siyaasa yeroo sanaa irratti hubannoofi xiyyeeffannoo gahaa ta‟e qabu jedhaman iyyaafachuun filataman mariisisuun yoomessa geerarsa diddaa siyaasa isaa akka ibsan taasisuuni. Malli iddattoo qorattuun dhimma itti baate mala iddatteessuu akkayyoo (purposive sampling)fi mala darbaa dabarsaan (snowball sampling) namoota filatte. Ragaaleen qorannoo kanaa warabbii suursagalee yeroo sanaafi kanneen barreeffamaan oltaa‟an sakatta‟uun waan ta‟eef irra caalaan isaa sakatta‟a galmeeti. Bu‟aan qorannichaas bu‟uura jechaan ibsamanii dhiyaatani. Haaluma kanaan bu‟aan qorannoo kanaa: Namoonni ergaa diddaa dhoksaan dabarfachaa turuu, yeroo sana uummata dadammaksuu, cimsuu, qaama faallaa dadhabsiisuun bu‟aa akka buusefi bifa walaloon icciitii saaxiluufi haalli gootota duraan itti kennan ibsuun tarkaanfiin akka ceesisan onnachiisuudha. Raawwii kufaatiif akka ka‟umsaatti gahee taphachuu isaa ibsamee jira.

Description

Keywords

Citation