Xiinxala Raawwiifi Fakkoommii Sirna Kabaja Ayyaana Masqalaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Abuunaa Gindabarat

No Thumbnail Available

Date

2018-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Mata dureen qorannoo kanaa xiinxala raawwiifi fakkoommii sirna kabaja ayyaana masqalaa Aanaa Abuunaa Gindabarat kan jedhudha. Kanaaf kaayyoon qorannoo kanaa adeemsa raawwiifi fakkoommii sirna kabaja ayyaana masqalaa Aanaa Abuunaa Gindabarat qaaccessuudha. Malli qorannoo kun itti gargaarame mala qorannoo akkamtaattidha. Malli iddattoo qorannoo kanas mala iddeetteessuu miti-carraa jalaa mala akkayyoofi darbaa dabarsiitti dhimma bahameera. Dhimmoota mata duree kanaan wal qabatan xiinxaluuf kitaabooleefi toora interneetii irraa qabxiileen ijoon sakatta’amaniiru. Adeemsi ragaa ittiin funaanname afgaaffiifi marii gareen jaarsoolii akka Aanaa Abuunaa Gindabaratitti beekamaa ta’an irraa funaannameera. Akkasumas daawwannaa yeroo sirni kabaja ayyaana masqalaa kun raawwatu irratti argamuun daawwachuun suuraafi yaaddannoo barreeffamaa qabachuun ragaan funaannameera. Ragaaleen qorannichaa yaaxinoota garagaraan deeggaramuudhaan qaaccessamaniiru. Kunis ragaalee daawwannaa, afgaaffiifi marii gareen argaman akkaataa walfakkeenya isaaniitiin walitti fiduunfi qindeessuun ibsuun haalli sirna raawwiifi fakkoommii sirna kabaja ayyaana masqalaa keessatti itti dhimma bahaman isaan kam akka ta’an adda bahaniiru. Adeemsa kana hordofuun bu’aan/argannoon qorannoo kanaan argaman/bira gahamanii: raawwiin sirna ayyaana masqalaa akkuma duudhaalee hawaasa biroo yeroofi safuu eegee kan raawwatu ta’uu, haalduree ayyaana kanaarratti raawwataman kanneen akka Iyyoolee sirbuu, dhaabaa dhaabuu, Ateetee facaaffannaafi Jabaa gubuu hunduu raawwateera. Akkasumas guyyaa ayyaaneffannaa ayyaanichaarratti immoo sirni muudaa, ibsaa gubuu, hadaa alanfatanii tuttufuu, daaraa adda xuqqisiisuu, ingiccaa gubuufi faradoo gugsuutu raawwateera. Dhumarrattis masqalli darbee guyyaa sadi bulee sirni shananii masqalaa raawwateera. Kunis mana Abbaa abdaariitti kan raawwatudha. Walumaagalatti sirni kabaja ayyaana kanaafi fakkoommii sirnicharratti raawwatu hundi hariiroo hawaasa diinagdeefi falaasama hawaasichaa guddisuuf, duudhaa hawaasaa kunuunsuuf gahee olaanaa waan qabuuf, osoo qaamni fedhii dhimma kana qorachuuf qabu, wajjirri Aadaafi Turzimii, Qorattoonni aadaafi hayoonni garagaraa gadfageenyaan qoratanii bifa barreeffaman taa’ee gaarii ta’a

Description

Keywords

Citation