Xiinxala Qabiyyee Weedduu Jaalalaa: Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Gudayyaa Biilaa Irratti Kan Xiyyeeffate

No Thumbnail Available

Date

2018-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa qabiyyee weedduu jaalalaa xinxaaluudha.Mataduree kanarratti qorannoon kun akka gaggeeffamuuf ka’umsa kan ta’ e weedduun jaalalaa carraa qorannoon ba’ee mul’achuu dhabuu, weedduun jaalalaa afaaniin darbuun ala ragaa barreeffamaan qindaa’e dhabuufi amantaa sababeeffachuun weedduun jaalalaa sardakaa duraan jiru irraa gadi bu’aa adeemuun sadarkaa dagatamuurra ga’uu isaati.Matadureen qorannoo kanaa waliin kan deeman barrulee sakatta’amaniiru. Qorannoo kana keessatti qorataan iddattoowwan qorannoo isaaf mijatu filateera. kunis mala iddatteessuu kaayyawaafi darbaadabarsaan kan filatameedha. Malleen funaansa ragaalee afgaaffiifi maree gareen hojiirra kan oolame ta’ee odeeffannoowwan malleen kanaan funaanaman tooftaa qorannoo ibsaan xiinxaalamaniru. Adeemsa xiinxala qoran noo kanaa keessatti argannoowwan bira ga’aman: yaadni bo’oo / sarara/ af-walaloo weedduu jaalalaa ibsu gidduu jiru kan wal hinfakkaanne ta’uu, afwalaloon weedduu jaalalaa ibsu altokkotti ergaa jaalalaa biratti ergaa yookaan yaada garagaraa kan dabarsu ta’uu, weedduun jaalalaa sochii qamaafi wallisaa ala hirmaattoota biraa kan hinqabne ta’uu, yoomessi weedduu jaalalaa kan hindaangoofne ta’uu,qooda fudhattoonni weedduu jaalalaa hawaasa hunda ta’uu, hanqinni itti fayyadama jechootaa kan mul’atan ta’uu,weedduun jaalalaa yeroo ammaa sadarkaa dagatamurra gah’uu isaa, weedduu jaalalaa keessatti halluun / bifni/ magaalli kan dinqisiffatamuufi filannoo duraa kan qabu ta’uu isaati. Akkasumas faayidaan weedduu jaalalaa: jaalallee lameen walitti fiduuf, jaalala jaalallee lameen gidduu jiru haaroomsuufi cimsuuf, gorsuuf, barsiisuuf, jajjabeessuufi qeequuf kan fayyadu ta’ee osoo jiru yeroo ammaa kana sadarkaa duraan jiru irraa gadi bu’aa deemuufi dagatamuurra ga’uu isaati.Yaboo qorannoo kanaa keessattis weedduu jaalalaas ta’e qabiyyee weedduu jaalalaaf xiyyeeffannoon kennamuu akka qabu kaa’ameera.

Description

Keywords

Citation