Xiinxala Haasbarruufi Fayyadama Afaan Oromoo Mana Murtii Aanaa Hidhabuu Abootee

No Thumbnail Available

Date

2016-07

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoo kana gaggeessuudhaaf wanti qorataa kakaase, abbootiin dhimmaa mana murtii kanati gargaaramanii yemmuu bahan haali fayyadama afaanii achi keessatti akka isaan rakkise yeroo komatan dhagahuufi namoonni waa‟ee mana murtiifi haala itti fayyadama afaan achi jiruu hinbeekne gara mana murtii deemuuf sodaa isaan ibsan waan argeefiidha. Kanaafuu, qoratichi haali fayyadama afaan mana murtii aanaa Hidhabuu Abootee rakkoo qabaachuufi dhiisuu isaa addaan baasee ibsuuf, qorannoo gaggeessuuf kaka‟umsa argatee jira. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa immoo haasbarruufi haala fayyadama Afaan Oromoo mana murtii aanaa Hidhabuu Abootee keessaa xiinxaluun ibsuudha. Akkasumas qorataan kaayyoo isaa galmaan gahuuf mala qorannoo makooti dhimma bahameera. Maddi odeeffannoo qorannoo kanaa immoo madda odeeffannoo tokkoffaafi lamaffaati. Kana malees malli iddattoo qorannoo kanaa kan of keessatti hammatu mala iddatteessuu akayyoo, eer-dabarsaafi carraa sirnaawati fayyadamuun odeef-kennitoonni filatamanii jiru. Ragaalee qorannoo kanaaf oolan funaanuufis mala funaansa odeeffannoo kanneen akka af-gaaffii, bargaaffii, daawwannaafi sakatta‟a dokumantiin funaanaman lakkoofsafi jechaan qaacceffamee jira. Argannoon gurguddoo qorannoo kanaa akka ibsanitti abbootiin dhimmaa yeroo duraaf gara mana murtii dhufan yoomeessa fayyadama haasbarruu bakka sanaa walaaluun yaada isaanii ibsachuuf kan rakkatan ta‟uu, dhimmoonni baay‟een mana murtii keessatti gabaajeefi lakkoofsaan waan ibsamuuf abbootii dhimmaan hubatamuu dhabuu, mana murtii keessatti jijjiirraan afaan biroorraa Afaan Oromootti taasifamu dhimmoota yakkaa keessaa kanneen akka dirqisiisanii gudeeduu, reebichaa, nama tasa du‟e reeffa isaa qorachiisuufi dhimmoota hariiroo hawaasaa keessa immoo ragaalee Afaan Oromoon ala hojjataman qorachuuf kan taasifamu ta‟uu, jijjiirraan afaan seeraas kan taasifamu namoota eeyyama turjumanummaa qabaniin ta‟us rakkoolee hedduun kan guutame ta‟uu, kitaabileen seeraa baay‟een qaamoleen haqaa haqa mirkaneessuuf itti fayyadaman kan Afaan Amaaraa waan ta‟eef hunduu akka yaada isaaniitti hiikachuun murtii kan dabarsan waan ta‟eef haqa saffisaa kennuu dhabuu, yakka walfakkaataa irratti murtii gara garaa dabarsuufi jechoonni haaraan mana murtii keessatti dhimma itti bahaman karaaleen isaan uumaman ergifannaa, suphuu, digalaafi gabaajeen ta‟uu bira gahameera. Kanarraa ka‟uun yaboon qorannoo kanaa immoo hubannoon afaan seeraa dhaddachaan dura qaama dhimmi ilaaluun osoo abbootii dhimmaaf godhamee, eeyyamni jijjiirraa afaan seeraa ga‟umsa ogummaa afaaniifi seeraa bu‟ureeffatee osoo kennamee, kitaabileen Afaan Amaaraan tajaajila kennaa jiran kun osoo Afaan Oromootti jijjiiramee dhiyaateefi jechoonni haaraan mana murtiiti dhimma itti bahaman kun osoo koree walitinaan moggaafamee afaan seeraati dabalamee kan jedhuudha.

Description

Keywords

Afaan Oromoo Mana Murtii

Citation