Xiinxala Fayyadama Keyyataa, Qub-Guddeessaafi Sirna Tuqaalee Barattoota Kutaa 11ffaa: Xiyyeeffannaan Mana Barumsa Qophaa‟Inaa Sabbataa

No Thumbnail Available

Date

2009-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Xiyyeeffannaan qorannoon kana inni guddaan qaacceessa keeyyataa baratoota Mana Barumsaa Qophaa’ina Sabbataa Kutaa 11ffaa baratan qaaccessuurratti kan xiyyeeffateedha. Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga’uuf malli qorannichaa barataafi barsiisa madda raga qorannicha ta’u iddata caraatti gargaaramun dhimma itti ba’ameera. Sababni isaas, odeeffannoon sassaabaman irra caalaa kanneen lakkoofsaafi dhibbeentadhaan ibsaman waan ta’aniifi. kana malees, mala qorannoo akkamtaafi hammamtaatis fayyadameera.Kunis oddeeffannoon funaanname af-gaaffiifi sakatta’a qormaatatin waansassaabameef jechaan qaacceffamuu isaati. qorannoo kana gaggeessuufis, ragaaleen barattootaa dhiba fi barsiisotarraa lama bifa bar-gaaffiifi af-gaaffiitin walitti qabameera. Akkasumas, qormaanni dubbisanii keeyyataa qubguddeessaafi sirna tuqaaleetti fayyadamuun bakka seerri afaanichaa eeyyamutti galchuun irra deebi’anii akka barreessaniif kennameef, rakinnoota barattoonni kun qaban agarsiisu qaacceffamee ibsi itti kennamee jira. Haaluma qaaccessi ragaaleerraa skka agarsiisatteti barattoonni keeyyataa qubguddeessaafi sirnoota tuqaaleetti haala sirrii ta’en akka barreeffama isaanii keessatti fayyadamaa hin jirretu hubatame rakinnoonni isaan biraatti argamanis, keeyyataa qubguddeessaafi sirnoota tuqaalee afaanicha keessatti tajaajilan iddoo galuu qaban malee barreeffama isaanii keessatti galchuun itti fayyadamuu, tasumaa iddoo galuu qabutti osoo hin galchine dhiisuu isaanii fa’a. Wantoonni barattoota hanqina kanaaf isaan saaxilanis: keeyyataa qubguddeessaafi sirnoota tuqaalee akka qaama barreeffama tokkootti xiyyeeffannoo kennuufii dhiisuu, yemmuu barreeffama barreessan ofdhaggeeffachaa barreessuu dhiisuun ariitin barreessuu, barnoota sadakaa gaditti bu’uura cimaa dhabuu, barsiisonni yemmuu barsiisan xiyyeeffannoon barattoota hubachiisuu dhiisuu, barattoonni tajaajila tokkon tokko keeyyataa qubguddeessaafi sirnoonni tuqaalee qubguddeessaafi ooltufirratti beekumsa gahaa dhabuufi afaanicha beeka jechuun akka salphaatti ilaalun isaanii isaan gurguddoodha. Ogummaa barattootaa itti fayyadama keeyyata, qubguddeessaafi sirna tuqaalee afaanicha keessatti tajaajilan kana guddisuuf, seera itti fayyadamafi tajaajila tokkon tokko keeyyataa qub-guddeessaafi sina tuqaalee ooltuf barsiisu, irra deddeebin shaakalchisuufi tooftaa barataa giddu galeeffatettifi unka keeyyatatti gargaaramuun barsiisuun hanqina kanarraa isaan baraaruf filatammaa

Description

Keywords

Citation