Qaacceessa Caaseeffama Durdurii Oromoo: Godina Shawaa Dhihaa Aanaa Ejeree

No Thumbnail Available

Date

2008-07

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Ka‟umsi,qorannoo kanaa qorannoo hedduun durduriiwwan irratti iddoo adda addaatti gaggeeffamanillee, beekumsi gama caasaatiin jiru kan hinmul‟anneefi aanaa Ejereettis hamma qorataan sakatta‟etti namni tokkollee dhimma kanarratti waan qoratee hinjirreef, qorataan caaseeffama durdurii Oromoo aanaa Ejeree haala caasaa durduriiwwan Afrikaa Bahaatiif, Okepewhon Alan Dundes (1971)wabeeffachuun kaa‟een kanneen caasaa jedhame guutaniifi hinguunne adda baasuuf ka‟umsa godhachuun qorannoo kana gaggeesse. Kanuma faana kan wal-qabate, kaayyoon qorannichaas, caaseeffama durdurii Oromoo haala caasaa durduriiwwan Afrikaa Bahaatiif Okepehon,(1992:176) Alan Dundes (1971) wabeeffachuun kaa‟een qaaccessuudha. Yaaxinni qorannoon kun ittiin gaggeefames yaaxina caasawaa hordofeetu. Ragaan funaaname durduriiwwan Oromoo aanaa Ejeree 55 ta‟an yoo ta‟u, maddi ragaan irraa funaaname, manguddoota fi dargaggoota gandoota aanichaa addaddaa keessatti argaman irraati. Malli iddatteessuu mala darbaa dabarsaa ta‟ee, malli funaansa ragaa immoo af-gaaffiifi marii gareeti. Durduriiwwan af-gaaffifi marii gareetiin funaanaman, meeshaa funaansa ragaa teeppidhaan waraabamaniitu booda dhaggeefatamanii gara barreeffamaatti jijjiiramani. Durduriiwwan waraabaman 55 keessaa mala carraa tasaatti fayyadamuun 24 kan ta‟an boqonnaa 4ffaa jalatti tartiiba lakkoofsa qaaccessa dura kennameef qabatanii akkaataa kaayyotiin qaacceffamnii hiikni itti kennamuun dhuma hiika kennameerratti gabateedhaan walitti qabamanii dhihaataniiru. Argannoon bira gahames, durduriin Oromoo ulaagaa caasaa Okepewhon, (1992) Alan Dundes wabeeffachuun kaa‟e, kanneen hiriyummaa uummachuu, waliigaltee qabaachuu, waadaa cabsuu, wal-qorachuufi gargarbahiitii hiriyummaa fakkaattiiwwan durdurichaa gidduutti raawwatamuun yammuu wal-bira qabamanii xiinxalaman, durduriiwwan 7 (dhibbentaan 29) qofti ulaagaa jedhaman guutanii yammuu argaman, 3 (dhibbentaan 12) ulaagaa caasaa jedhame kana kan hinguunnedha. Isaan kanaan alatti akka argannoo haaratti kan mul‟ate, durduriin tokkichi caasaa jedhame guutummaan guututti yookiin hamma ta‟e guutee, amala caasaa marsaa 5, 5, 4, 4, 2 ta‟een ijaaramee mul‟ateera. Kana malees, durduriin tokko immoo, caasaa gargarbahiittii irraa ka‟ee gara hiriyummaa uummachuutti kan deeme ta‟uu isaatu argame. Wanti biraa caasaa faana ilaalame, fakkaattiiwwan durduriiwwan keessatti argaman, bineensota, beeyladoota, uumama addaddaafi namoota yammuu ta‟an, durduriiwwan iddattoof fudhataman keessatti deddeebi‟ee kan mul‟ate, bineensota keessaa leenca akka ta‟e qaacceessa taasifamerraa hubatamuun danda‟ameera. Dhumarratti akkaataa himiinsa calqabbii durdurii Oromoo manguddootaafi dargaggoota biratti garaagarummaan akka jirutu mul‟ate. Yaboon dhimmoota mul‟ataniif kenname immoo, durdurii caasaa kana hinguunneef caasaa mataa isaanii qabaachuu danda‟u waan ta‟eef qorattoonni biroo qorannoo gadifageenyaa osoo irratti gaggeesanii, kan jedhuufi durduriiwwan caasaa guutummaan guututti yookiin hamma ta‟e guutuun amala caasaa marsaa agarsiisan jedhamnii mul‟atan akka aanaa Ejereetti qofa qoratamanii murtii waliigalaarra gahuun waan hindanda‟amneef, kanneen amala akka kanaa agarsiisan bakki bal‟aafi yeroo dheeraan fudhatamee qorattoonni fookloorii Oromoo biroon osoo qorataniifi dhaloota haaraa isaatiif waan turuufi qabu tursiisee jechuun dhaamsa qorataa ta‟e qorannoo isaa goolabeera.

Description

Keywords

Caaseeffama Durdurii Oromoo

Citation