Qaacceessa Qabiyyee Mammaaksota Oromoo Cimina Dubartoota Ibsan: Aanaa Ada'aatti

No Thumbnail Available

Date

2008-07

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun mammaaksota Oromoo cimina dubartootaa ibsan irratti xiyyeeffata. Kaayyoon guddaan qorannichaatis mammaaksota cimina dubartootaa ibsan qaaccessuudha.Maddi odeeffannoo qorannichaatis warreen odeeffannoo laataniifi maddeen mammaakota bifa barreeffamaatiin galmaa'aniidhanii jiraniifi kitaabilee gara garaati. Warreen odeeffannoo laatan jaarsolii, magaalaa Bishooftuu keessatti jiraatan, Abbaa Gadaa Tuulamaa, Ittii gaafatamtuu Dhimma Dubartootaafi Itti gaafatamtuu Aadaafi Turizimii Magaalaa Bishooftuuti. Maddi barreeffamaa immoo kitaabilee garagaraati.Meeshaalee funaansa ragaa qorattuun itti fayyadamtees afgaaffii, marii gareetiifi sakatta'a galmeeti. Gosti qorannoo kanaatis qorannoo qulqulleeffataa yemmuu ta'u, ragaaleen argamanis mala ibsaattii fayyadamuun qaacceffamanii jiru. Mammaaksa Oromoo cimina dubartootaa kallattii adda addaatiin akka calaqqisiisu qorannoo kanaan bira ga'amee jira. Dhimma irratti mammaaksi oromoo Dubartoota akkuma hanqina isaani ibsutti, cimina isaanitis akka ibsuu qorannoo kana keessatti ibsamee jira. Mammaksonni cimina bubartootaa ibsan kunneenis, dubartoonnii hawaasa keessatti abshaalummaadhaan kan beekaman ta'uu isaani,obsa qabaachuun isaani,gara laafumman isaaniifi ogummaa qabaachuun isaaniifi odeeffannooqorannoo kanaaf walitti qabaman ragaa ba'anii jiru. Kana malees dubartoonni hawaasa bal'aafi maatii isaanitiin jaalatamoofi kabajamoo ta'uu isaani qorannoo kana keessatti eeramee jira. Dabalataanis dubartoonni hawaasa keessatti barbaachisoofi murteessoo akka ta'an maanguddoonni odeeffannoo laatan mammaaksota bu'uura godhatanii addeessanii jiru

Description

Keywords

Qabiyyee Mammaaksota Oromoo

Citation