Hariiroo Namaafi Uumamaa: Ilaalchaafi Afoola Oromoo Tuulamaatiin

dc.contributor.advisorAsafaa Tafarraa (PhD)
dc.contributor.authorDirribaa Tarrafaa Kiisii
dc.date.accessioned2025-02-12T08:44:46Z
dc.date.available2025-02-12T08:44:46Z
dc.date.issued2024-06
dc.description.abstractKaayyoon qorannoo kanaa “Hariiroo Namaafi Uumamaa: Ija Ilaalchaafi Afoola Oromoo Tuulamaatiin” xiinxaluudha. Qorannoo kana gaggeessuuf maleenyi qorannoo sanyaabaafi seenawaa (Ethnographic & historical research approach) hojiirra ooleera. Jamaa ragaan qorannoo kanaaf oole irraa funaaname filachuuf akaakuu iddattoo miti carraa keessaa tooftaa iddatteessuu akkayyoofi darbaa dabarsaatti dhimma bahee jira. Odeeffattoota tooftaalee kanneeniin filataman irraa ragaa walitti qabuuf meeshaaleen funaansa ragaa daawwannaa hirmaachisaa, afgaaffii, marii garee xiyyeeffannaafi sakatta’insa dokimentii hojiirra oolaniiru. Ragaalee kunneen mala akkamtaatiin xiinxalamanii hiikni itti kennamee jira. Argannoon ijoo qorannoo kanaa; akka ilaalcha Oromoo Tuulamaatti lubbuu Waaqayyo uume, uumaa Waaqayyo uume balleessuun, mancaasuun, seeraan ala itti fayyadamuun dhorkaadha; aadmaleedhas. Afoolli hawaasichaas falaasamaafi ilaalcha Oromoon Tuulamaa uumama maraaf qabu, hariiroo ykn hidhata ummatichi uumama mara wajjin qabu, akkasumas eegumsaafi kunuunsa uumama maraaf godhamuu malu ibsuu keessatti gaheewwaniifi humna guddaa qabu. Kaleessa, bara Oromoon Tuulamaa duudhaa isaa ganamaa sirriitti jabeeffatee sirna isaa gaggeeffachaa turetti, gaafa Oromoon Tuulamaa sirna Waaqeffanaafi safuu isaa ganamaatti bulaa turetti; hawasichi Ardaalee ykn Uumama Ulfoos ta’ee, uumama Waaqayyo uume mara wajjin hidhata ykn hariiroo cimaa kan qabudha. Tulluun, Malkaan ykn Horri, burqaan, haroon, mukeewwan bineeldonniifi lubbuu qabeeyyiin hunduu Oromoo Tuulamaa biratti iddoo guddaa kan qabanidha; kabajaafi safeeffannaa guddaas kan qabanidha. Haata’uutii, akka ragaan qorannichaa bakka baay’etti agarsiisutti: hariiroon, ilaalchi ykn falaasamni, beekumsi xabboo, duudhaafi safuun Oromoo Tuulamaa uumama maraaf qabu yeroo ammaa dhiibbaa namtolcheefi uumamaatiin iddoo hedduutti miidhamaa, laafaa, cabaafi badaa akka jirudha. Yaboon ijoon qorannoo kanaa ammoo Heerota Ulfoo Jahan Waaqayyoo kabajuun, duudhaafi safuu Oromticha ganamaa eeguun hariiroo namaafi uumama gidduu jiru cimsuun, uumama Ulfoo kabajuufi kunuunsuun dhaloota dhufuuf tursuun dirqama Oromoo maraa ta’a kan jedhudha. Jechoota Ijoo: Hariiroo, Uumama Ulfoo, Heerota Ulfoo, Oromoo Tuulamaa
dc.identifier.urihttps://etd.aau.edu.et/handle/123456789/4139
dc.language.isoor
dc.publisherAddis Ababa University
dc.titleHariiroo Namaafi Uumamaa: Ilaalchaafi Afoola Oromoo Tuulamaatiin
dc.typeThesis

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Dirribaa Tarrafaa Kiisii.pdf
Size:
8.68 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Item-specific license agreed to upon submission
Description: