Qaaccessa Waallee Dubbii Inveestimentii Irratti: Xiyyeeffannaan Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuu

No Thumbnail Available

Date

2019-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun waalleen dubbii investimentii Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuu keessatti maal akka fakkaatu qaccessuun ibsuuf kan gaggeeffamedha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf mala qorannoo akkamtaatti fayyadameera. Meeshaaleen funaansa ragaa kanneen akka afgaaffiifi daawwannaatti fayyadamuun guuruun qaaccessuudhaan ibsamanii jiru. Qorannoo kana keessatti iddattoo ta‟uun ragaafi odeeffannoo barbaachisu kan kennan qaama hawaasaa magaalichaa garagaraa jechuunis jiraattota, daldaltoota, hojjattoota mootummaafi dhaabbilee dhuunfaa keessa hojjatanfa‟i. Iddattoo filachuufis mala iddatteessuu darbaa-dabarsaa, akkayyoofi mala tasaatti gargaarameera. Afagaaffiifi daawwannaa gaggeessuuf dura qaabxiiwwan afgaaffiifi daawwannaan irratti gaggeeffamutu qophaa‟e. Daawwannaan kan gaggeeffame bakkeewwan armaan gadiiti: daandiiwwan gurguddaa hawaasni baay‟inaan itti tajaaajilamu, manneen dhugaatii (keessumattuu mana daadhii), mooraa bulchiinsa gandaafi bulchiinsa magaalaa (kantiibaa), bakkeewwan afooshaaf ummanni walitti qabamu, bakka du‟a gahiitti qaamaan argamuun, bakka cidhaafi kanneen kana fakkaatanidha. Afgaaffiinis qaama hawaasaa garagaraa keessumattuu namoota lafa isaanii hojii investimentiif gadi lakkisaniifi kan biro wajjiin kan gaggeeffamedha. Ragaalee mala akkamtaatiin qaacceffamuudhaan ibsamanirratti hundaa‟uun qoratichi argannoowwan gurguddoo armaan gadiirra ga‟ee jira. Akka waliigalaatti, waalleen dubbii investimentii irratti akka Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuutti mul‟atan fayyadama afaanii kanneen bifa geerarsaa, mammaaksaa, malleen dubbii, faaruu sirbaafi durduriifa‟iin calaqqisanidha. Fayyadamni afaanii bifa geerarsaan, mammaaksaan, malleen dubbiin, faaruu sirbaafi durduriin mul‟atu kunis ergaa garagaraa qabu: hawaasichi komii qaama mootummaafi kan biroorraa qabu ittiin ibsachuu, hojiin investimentii gaggeeffamaa jiru iftoomina kan hinqabne ta‟uu, ummatichi iyyummaaf saaxilamuu ykn bu‟aa investimentiirraa fayyadamaa ta‟uu dhabuu agarsiisa. Kana malees, hawaasichi balaaleffannaa qaban kan ittiin ibsatan, saamamuu isaanii kan ittiin ibsatan, gaabbii qaban kan ittiin ibsataniifi dhaamsa kan ittiin waliif dabarsanfa‟i. Gama biraatiin, hojii investimentii magaalichaa keessatti gaggeeffamaa jiru/ture gufachiisuuf akkasumas milkeessuuf tarsiimoowwan waallee addaddaatu dhimma itti bahamaa jira.

Description

Keywords

Oromo Language

Citation