Xiinxala Fayyadama Afaanii Lagannaa Maqaa Namootaa Agarsiisan: Godina Wallagga Bahaa Aanaa Guutoo Giddaa
dc.contributor.advisor | Barkeessaa, Addunyaa (PhD) | |
dc.contributor.author | Farradaa, Galaayee | |
dc.date.accessioned | 2020-11-11T07:51:06Z | |
dc.date.accessioned | 2023-11-30T04:25:57Z | |
dc.date.available | 2020-11-11T07:51:06Z | |
dc.date.available | 2023-11-30T04:25:57Z | |
dc.date.issued | 2019-08 | |
dc.description.abstract | Qorannoon kun kan gaggeeffame fayyadama afaanii lagannaa maqaa namoota agarsiisu: Oromoo Godina wallagga Bahaa Aanaa Guutoo Giddaa keesssa jiraatanirratti.Kaayyoon qorannoo kanaa inni guddaan fayyadama afaanii lagannaa maqaa namootaa ilaalchisee Oromoota Aanaa Guutoo Giddaa keessatti mul‟atu ibsuu, qabiyyee isaa adda baasuufi gahee fayyadamni afaanii kun ijaarsa eenyummaa aadaa keessatti qabu adda baasuun kaa‟uudha. Kaayyoo kana galmaan ga‟uuf malli qorannoo dhimma itti bahame mala qorannoo qulqullinaa /akkamtaati.Isa kana fiixaan baasuufis mala filmaata iddattoo kaayyeffataa bu‟uura godhachuun odeeffannoowwan barbaachisoo ta‟an madda raga tokkoffarraa kan argamanidha.Maddi raga tokkoffaa manguddoota fayyadama afaanii lagannaa maqaa namootaa irratti muuxannoo gahaa qabanidha. Ragaaleen kunis karaalee meeshaa funaansa odeeffannoo afgaaffiifi marii gareen guurame. Akka ragaan qorannoo kanaa mul‟isutti maqaa namootaa lagachuun haalaafi bakka adda addaatti yeroo mara kan itti gargaaramanidha. Hirmaattootni yookiin namootni maqaalee kana lagatan hammi isaa walhaa caalu malee gareen hawaasaa Oromoo marti kan lagatanidha. Irra caalaatti wa‟ee dhimma kanaa kan beekaniifi ofeeggannoon kan itti fayyadaman manguddootaafi hawwaan umriin bubulan tahuusaa bira gahameera. Maqaaleen namootaa kun kan lagatamaniif qabiyyeewwan garaagaraa kan akka kabajaa, xiinsammuu namaa eeguufi jaalala nama barsiisuuf. Maqaaleen lagataman kun kan lagatamaniif yaad-sammuu ofii boqochiisuuf waan hamaa irraa ofeeguuf yookiin sodaa uumamaa sammuu isaanii keessa jiruuf kan tasifamuudha. Sababa kanarraan kan ka‟es maqaalee lagataman kana fayyadama afaanii kanneen akka bamaqoota, gaalee maqaa, maqaa masoofi ibsitoota garaagaraa bakka buusuun itti gargaaramanidha. Kun irra caalaatti jiraattoota badiyaa biratti ammayyu kan calaqqisudha. Kunis garee hawaasa jiran keessaa manguddootni fi Hawwan itti fayyadama laganna maqaa namootaa harka caalaa yommuu tahan dargaggoonniifi shamarran akkaataan itti fayyadama isaanii kan manguddootaan gadi. Haala itti fayyadama maqaalee lagannaa kana ilaalchisee namootni hundi akkaataa duriin kan hin eeggatiin, sababa qaroomina irraa kan ka‟een haalaan itti fayyadamaa kan hin jirre ta‟u bira gahameera. Kunimmoo walkabajuu, danda‟uufi waliin jireenya hawaasaa irratti dhiibbaa akka fidedha.Waan kana ta‟ee aadaa ofii wallaluun immoo eenyummaa ofii wallaluudha waan taeef dhaloonni amma jiru kun aadaa sabasaa kunuunsee dhaloota dhufuuf dabarsuuf akka barnoota tokkootti osoo kana barate murteessaadha | en_US |
dc.identifier.uri | http://etd.aau.edu.et/handle/123456789/23162 | |
dc.language.iso | om-ET | en_US |
dc.publisher | Addis Ababa University | en_US |
dc.title | Xiinxala Fayyadama Afaanii Lagannaa Maqaa Namootaa Agarsiisan: Godina Wallagga Bahaa Aanaa Guutoo Giddaa | en_US |
dc.type | Thesis | en_US |