Qaaccessa Yoomessaafi Qabiyyeewwan Faaruu Loonii, Ummata Oromoo Godina Baalee Aanaa Laga Hidhaa Keessatti
dc.contributor.advisor | Taliilaa, Xilaahun (PhD) | |
dc.contributor.author | Laggasaa, Bayyanaa | |
dc.date.accessioned | 2018-07-19T07:12:28Z | |
dc.date.accessioned | 2023-11-30T04:25:50Z | |
dc.date.available | 2018-07-19T07:12:28Z | |
dc.date.available | 2023-11-30T04:25:50Z | |
dc.date.issued | 2008-07 | |
dc.description.abstract | Qorannoowwan gama ogafaan Oromootiin hojjataman heddu yoo jiraatanillee fookiloriin faaruu loonii ibsu faaydaafi yoomessa faaruu loonii ibsu kan qoratame haala gabbataa ta’een hin mul’atu. Qorannoon kun qabiyyeewwan faaruu loonii fookilorii waliin hidhata qaban Godina Baalee Aanaa Laga hidhaa keessatti raawwatamu irratti xiyyeeffata. Adeemsi qorannoo kunis maddi raga hawaasa aanichaa irratti kan hundaa’e ta’ee namoota faaruu loonii irratti beekkumsa ciccimoo qaban mala eertuu darbaa dabarsaa (snowball sampling) irraa bifa gaafiitiin,bifa daawwannaatiinfi bifa mariitiin kan fudhatameedha. Haaluma kanaan faaruu loonii eddoofi yoomessa adda addaatti kan faarsamu yoota’u afoola keessumaayyuu afwalaloo faaruu loonii faarsuun meeshaalee aadaa faaruu loonii waliin deeman akkasumas safuufii duudhaan hawaasaa hiika qabaachuun isaa kan mul’ate yoota’u, qorannoo kana keessatti,haala waliigala aanichaa maal akka fakkaau,mogaasa aanichaa,haala qilleessaa,baayina ummataa,sabaafi sablammootaafi amantiiwwan adda addaafi kakkanafakkaatu yooibsamu, Ka’umsa qorannichaatiin wal qabatee faaruun loonii dhalootaa dhalootatti dabarsuun dagatamaa dhufuufi barreefamaan dhabamuun mataduree kanarratti akka qoradhu kan nakakaase yoota’u kaayyoon qorannoo kanaas qabiyyeewwan faaruu loonii godina Balee aanaa Lagahidha keessatti argamu xiinxaluufi haala moggaasa maqaa loonii kan ibsamu yoota’u, Barbaachisummaan qorannoo kanaas gosoota faaruu loonii dagataman ifatti baassuu, qabiyyeewwan faaruu loonii akka hubatan taasisuu,moggaasa maqaa loonii maaliratti hundaa’ee akka mogaasamu ibsuu,namoota mataduree kanarratti qorachuu barbaadaniif ka’umsa ta’uu akka danda’uufi kan kanafakkaatu yoota’u,daangaan qorannoo kanaa qaacessa qabiyyee faaruu looniiGodina Baalee aanaa Lagahidhaa keessatti kandaanga’e yoota’u,hanqina qorannichaatiin walqabatee rakkoo uumameef hanqina kitaabaatiif intarneetii fayyadamuu,bakka too’eetti namoota ga’umsa qaban dhabamuun qaamaan mana jireenyaa dhaquun,namni viidiyoo waraabu gatii dabalachuu,mobaayiliitti fayyadamuu.dubartoonni yeroo viidiyoo waraaban sodaachuu, sagalee mobaayiliitti waraabuun furmaata gahaa kaa’uun qorannoo fiixaan baasee jira. Gama biraatiin kitaabileen mataduree kanaan firoomina qaban kan sakata’aman yoota’u,firiiwwan fooklorii keessaa afoolarratti bu’uureffachn faaruu loonii irratti kan xiyyeeffateedha.Mala qorannoo itti fayyadame keessaa ragaawwan jiru bifa waraabbiitiin funaanuun barreefamatti kan jijjiirame yoota’u afwalaloo gosoota faaruu 8 eddoo adda addaa bakka namoonni itti argaman sagal irraa kan argame yoota’u,gosoota faaruu qabiyyee faaruu,faayiddaa faaruu faanti kan qaaccefamaniidha. Qorrannoo kana keessatti argannoowwan qorataan argate faaruun loonii barreeffamaan dhabamuu,dhalanni ammaa faaruu looniitti fayyadamaa kan hin jirre ta’uu,meeshaaleen aadaa faaruu loonii waliin deeman dhabamaa dhufuufi meshaalee biraatiin bakka bu’uu,yoomessi faaruu dagatamuun walitti makamuun kanbira gahame yoota’u, yaanni furmaata qorannoo kanaatis nita’a jedhee qoratan lafa kaa’e,qaamni dhimmi ilaalu viidiyoon waraabuun barreeffamatti osoo jijjiire,hayyoonni hawaasa keessa jiraataniifi fedhiifi danddeettii barreessuu qaban hawaasa keessaa funaanuun barreefamatti osoo jijjiiranii mana barumsaatiif raabsamee barattoonni bifa muuziqaatiin osoo itti tajaajilamanii dhalootaa dhalootatti kan darbu ta’uu danda’a. | en_US |
dc.identifier.uri | http://etd.aau.edu.et/handle/123456789/9365 | |
dc.language.iso | en | en_US |
dc.publisher | Addis Ababa University | en_US |
dc.subject | Qabiyyeewwan Faaruu Loonii | en_US |
dc.title | Qaaccessa Yoomessaafi Qabiyyeewwan Faaruu Loonii, Ummata Oromoo Godina Baalee Aanaa Laga Hidhaa Keessatti | en_US |
dc.type | Thesis | en_US |