Xiinxala Ayyaanafi Fakkoommiiwwan Sirna Raawwii Muuda Dirree Sheek Huseen

No Thumbnail Available

Date

2008-07

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun “Xiinxala Ayyaanaafi Fakkoommiiwwan Sirna Raawwii Muuda Dirree Sheek Huseen ” jedhu irratti godina Baalee Aanaa Gololchaa ganda Anaajinaa keessatti kan geggeeffameedha.Ka‟umsi qorannoo kanas waa‟ee Dirree Sheek Huseen irratti hojiileen adda addaa hojjetamanis bifa Saayinsaawaa ta‟een waa‟ee mataduree kanaa irratti Afaan oromootiin wanti barreeffamee taa‟e dhabamuu isaati.Qorannooleen muraasni taasifaman walaloowwan Baaroo Sheek Huseen akkasumaa Sheekkaraafi Shaarmadee Soof-Umar Hammarraa qaaccessuu bira dabranii kan isaan mul‟isan hinjiru.Kaayyoon qorannoo kanaas Ayyaanaafi Fakkoommiiwwan sirna raawwii Muuda Dirree Sheek Huseen irratti mul‟atan qaaccessuufi ibsuu yoo ta‟u,waa‟ee mata duree kanaa hubannoo uumachuun kaayyoo qorannichaa galmaan gahuuf yaad-rimeewwan fakkoommiiwwanii, sirni raawwii muuda Dirree Sheek Huseen maal akka fakkaatu,yoomessi ji‟oota kam keessa akka raawwatu,firiiwwan faaruuwwaniifi faayidaan Muuda kana irraa argamu sakatta‟amuun ilaalamanii jiru. Yaada kaayyoowwan eeramanii kana irraa ka‟uudhanyaaxinaalee haalawwanii akkasumas gucaafi hiika wantootaatti dhimma bahamee jira. Maddi ragaa qorannoo kanaa duudhaa hawaasichaafi waa‟ee sirna muuda Sheek Huseen namoota muuxannoofi beekumsa gahaa qaban jedhaman eeruun argaman irraa kan funaanameedha. Meeshaalee odeeffannoo ittiin funaaname bu‟uuraan afgaaffii yoo tahu, marii garee, ilaalanii hirmaachuu, dokumantilee waajjira Aadaafi Tuurizimii Aanaa Gololchaa fi godina Baalee sakatta‟uun akkasumas waraabbilee bakka barbaachisutti taasisuun kan geggeeffameedha.Hojiin qorannoo kanaa mala iddatteessuu miti carraa keessaa akkaayyoo, hammaargeefi darbaa dabarsaan fayyadamuun afgaaffillee odeefkennitoota namoota shaniif, namoota jaha marii gareetiif qopheeffachuu Bitootessa 10-15/2008 A.L.H. raawwatamee jira. Hojii qorannoo kanaatiinis muuxannoowwan gaggaariin Sheek Huseen hojjetaman Afaan Oromootiin barreeffamee taa‟uu dhabuu,muuxannoo gaggaarriin jiru iddoo birootti babal‟achuu dhabuu, xiyyeeffannoon kunuunsa naannootiif godhamu dhabamuu,faayidaan Muuda Dirree Sheek Huseenirraa argamu Afaan Oromootiin barreeffamee dhalootaaf taa‟uu dhabuun argannoolee mul‟atan yoo ta‟an Osoo muuxannoo Sheek Huseen Afaan oromootiin galmaa‟ee taa‟ee, Muuxannoo naannoo Biroottis osoo daddarbee,kunuunsa naannootiif xiyyeeffannoon Olaanaan osoo kennaameefi faayidaa Muuda Dirree Sheek Huseenirraa argamu Afaan oromootiin barreeffamuun osoo dhalootatti daddarbee kan jedhu akka maalta‟iinsaatti kaa‟amee jira. Walumaagalatti,Wantootni qorannoo kanaan dalagaman muraasa ta‟anis lammiin barate kamiiyyuu fuulduraaf itti xiyyeeffatee qorannoo bal‟aa geggeessuun Afaan oromootiin barreeffamee dhalootaa dhalootatti osoo darbee gaariidha.

Description

Keywords

Raawwii Muuda Dirree Sheek Huseen

Citation