Xiinxala Doggora Afaan Oromootiin Qubeessuu Xalayaalee Waajjira Barnootaafi Blto Aanaa Guutoo Giddaa Kan Bara 2010fi 2011

No Thumbnail Available

Date

2019-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun Naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Bahaa Aanaa Guutoo Giddaatti dogoggora Afaan Oromootiin Qubeessuu Xalayaalee Waajjira Barnootaafi BLTO Mootummaa kan bara 2010fi 2011 keessatti mul’atan xiinxaluu irratti kan xiyyeeffatedha. Kaayyoon isaa dogoggora qubeessuu xalayaalee Waajjiraalee Mootummaa Aanaa Guutoo Giddaa keessatti mul’atan xiinxaluun yaada furmaataa eeruu irratti kan xiyyeeffatedha. Kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga’uuf malli qorannoo akkamtaa kan hojiirra oole yommuu ta’u, iddattoowwan qorannichaa filachuufis tooftaawwan adda addaa hojiirra oolanii jiru. Isaanis, waajjiroolee filachuun tooftaa iddatteessuu mit-carraa akkayyoo, hojjettoota afgaaffiif filachuunis tooftaa akkayyootu hojiirra oolee jira. Haaluma kanaan, itti gaafatamtoota, itti aantotaafi barreessitoota xalayaalee waajjira Barnootaafi WBLTO Aanaa Guutoo Giddaa namoota 6 mala iddatteessuu akkayyootiin filatamanii od-himtoota qorannoo kanaa ta’nii jiru. Meeshaaleen odeeffannoo funaanuuf qorannoo kana keessatti tajaajilarra oolan sakatta’a xalayaaleefi afgaaffiidha. Ragaaleen meeshaalee kanneeniin funaanaman mala akkamtaan qaacceffamanii jiru. Akaakuuwwan dogoggoraa sakatta’a xalayaalee keessaa argamaniifi deebiiwwan od-himtootarraa argaman kanneen akka dogoggoraan dheeressuu, gabaabsuu, laaffisuu, jabeessuu, hudhaa, irrabutaafi dhamsaga dubbachiisaa gosa tokkoo sadii barreessuun sakatta’a xalayaalee irratti godhameen adda bahee jira. Miidhaa dogoggoraan qubeessuun geessisu ilaalchisee jijjiirama hiikaa fiduu, dhaamsa dabarsuun barbaadameen ala bahuufi seera afaanichaa kan cabsu tahuun adda bahee jira. Sababni dogoggoraan qubeessuu immoo, ariitiin qubeessuu, seera qubeeffama Afaan Oromoo wallaaluu, xiyyeeffannoo kennuu dhiisuu, akka waan beekaniitti tuffatanii ilaaluu, dhiibbaa afaan Ingilizii, barnoota sadarkaa tokkoffaatti sirriitti barachuu dhabuu akka ta’e bira gahamee jira.Tooftaaleen dogoggora kana maqsuuf oolan xiyyeeffannoon qubeessuu, ariitii malee qubeessuu, irra deddeebi’anii gulaaluu, nama seera qubeessuu beeku gulaalchisuu, kitaabilee waa’ee qubeessuu barsiisan dubbisuun, leenjii dhimma qubeessuurratti kennamuufi qaamni dogoggora uume sirreessuuf deeggersa kennuun jiraachuu akka ta’e kallattiin furmaataa agarsiifamee jira.

Description

Keywords

Citation