Xiinxala Gahee Ogbarruun Afaan Oromoo Barsiisuu Irratti Qabu: Xiyyeeffannaa Kutaa 5-8
No Thumbnail Available
Date
2021-09
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Kaayyoon guddaan qorannoo kanaa gahee ogbarruun Afaan Oromoo barsiisuu irratti qabu xiinxaluudha.Ka’umsi qorannoos ogbarruun Oromoo akkuma hawaasa keessatti faayidaa qabu barnoota Afaan Oromoo barattoota gonfachisiisufis gahee guddaa osoo qabuu xiyyeeffannoon kennameef laafaa ta’uu isaati.Innis haala qophii kitaabaa, barsiisotaa fi barattoota bira laafinni jiraachuu isaati. ogbarruun kaayyoo barnoota Afaan Oromoo milkeessuu keessatti gahee olaanaa qabu kun gahee inni barnoota Afaan Oromoo kutaa 5ffaa –8ffaa barsiisuu irratti qabu xiinxaluudha. Kaayyoowwan qorannoo kanaa keessaa inni tokko ogbarruutti fayyadamanii Afaan Oromoo barsiisuun bu’aa inni qabu addeessuu/ ibsuudha. Qorannoon kun kan adeemsifame mala qorannoo akkamtaatti (qualitative Research Method) fayyadameeti. Sababni malli kun filatameefis hojii xiinxala qorannoo kanaa lakkoofsan osoo hin taane jechootan waan ibsameefi. Kanuma bu’uura godhachuun odeffannoo qabatamaa fi amansiisaa ta’e tooftaa odeeffannoo funaanuu mata duree qorannoo waliin wal simu kanneen akka : Sakatta’a kitaaba barnoota Afaan Oromoo kutaa 5-8, dabtara barattootaa, bargaaffii fi daawwannaa daree fayyadamuun ragaaleen qorannichaa funaannamanii jiru. Odeeffannoon funaannames akkaataa walitti dhiyeenya isaanitiin qoqqoodudhaan xiinxalamanii jiru. Dabalataanis argannoon qorannoo kanaa akka mul’isutti ogbarruuwwan kanneen akka : asoosamaa, walaloo fi diraamatti fayyadamanii Afaan Oromoo barsiisuun baay’ee laafaa ta’uu fi haala qophii kitaaba barattootaa keessattis hammatamee qophaa’uu irratti hanqinni guddaan jiraachuu isaa agarsiisa. Dhumarrattis ogbarruun Afaan Oromoo barsiisuu irratti gahee guddaa waan qabuuf, haalli qophii kitaaba barataa/ ttuu ogbarruuwwan gaggabaaboo kanneen akka : asoosamaa, walaloo fi diraamaa of keessatti hammachuun akka qophaa’uu qabanii fi barsiisonnii fi barattoonnis adeemsa Afaan Oromoo baruu fi barsiisuu keessatti ogbarruutti sirnaan akka fayyadaman qorannoon kun eeree jira.