Sirnoota Marsaa Jireenyaa Oromoo Arsii Bu‘ura Koornayaa Ijaaruu, Ibsuufi Daddabarsuutiin
dc.contributor.advisor | Xilaahun Taliilaa (PhD) | |
dc.contributor.author | Faanosee Mangistuutiin | |
dc.date.accessioned | 2024-08-29T07:40:25Z | |
dc.date.available | 2024-08-29T07:40:25Z | |
dc.date.issued | 2024-08 | |
dc.description.abstract | Qorannoon kun dhimmoonni doornayaa duudhaa—sirnoota marsaa jireenyaa: da‟umsa, gaa‟elaafi boo‟icha Oromoo Arsii keessatti akkamiin akka ijaaraman, ibsamaniifi daddarban xiinxaluurratti xiyyeeffate. Akkasumas, qorannichaan Sirnoonni Marsaa Jireenyaa Oromoo Arsii dhiiraa ykn dubartii akkamiin akka aangessantu ibsame. Dabalees, sirnoota marsaa jireenyaa Oromoo Arsii keessatti fakkoommiiwwan koornayaan walqabatanii jiran kanneen akkamii akka ta‟aniifi; darbees, itti fufiinsiifi jijjiiramoonni dhimmoota koornayaa Sirnoota kanneen keessa jiranirratti mul‟achaa jiran maal akka fakkaatantu qorannichaan xiinxalame. Kaayyoolee kanneen galmaan gahuuf, yaadxinaaleen qorannoo kanneen akka Yaaxxina Ijaarsa Hawaasaafi Ibsa Fakkoommii, Dhiheenyota Maqsaa Hawaasaafi Xiinxala Gadfagoo waliin ta‟uun dhimma baasaniiru. Gama mala qorannootiin qorannichi qorannoo sanyaabsaa xiinxala gadifagoorratti hundaa‟e ta‟uusaatiin kaayyoolee qorannichaa kanneen galmaan gahuuf, ragaaleen bal‟ina qaban karaa daaw‟annaa, afgaafiifi marii garee xiyyeeffannoo yeroo bal‟aa hawaasa keessa turuun walitti qabamuun mala akkamtaatiin xiinxalamani. Ragaaleen xiinxalaman akka mul‟isanitti, Oromoon Arsii ilmaafi intalli waan ta‟uu, raaw‟achuu qabaniifi hinqabne jalqabuma dhalootarraa eegalee duudhaa fayyadamuun gama jechaafi gochaatiin barsiisaafi leenjisaa guddisa. Ilaalcha araddaa ofii-ormaa jedhuun dhiirri durba caalaa barbaadamaa, olaanaa, bu‟a-qabeessaafi warraaf kan ooluudha jedhamuun faarsama. Maatiin ilmoo dhiiraa dahe „intalli araddaa ormaati, ilmatu araddaa keenyarratti hafee dhaala, maqaa keenya waamsisa, eenyummaa keenya itti fufsiisa‟ jechuun kan gammadan ta‟uu guyyuma dhalootaarraa karaa jechaafi gochaa mul‟achuu eegala. Akkasumas, waanuma duudhaa keessatti durbi kan gochuu hindandeessu, dhiirri ni danda‟a jedhanii murteessaniin deebi‟anii akka durbi warra hinfayyadneetti, „durbi maal nuuf gooti araddaa ormaati‟ jechaa komatu. Haalli kun cimee akka itti fufuuf, fakkoommii waan jedhamuu, raaw‟atamuufi meeshaadaatiin bu‟urri kaa‟ama. Kunimmoo akkaatuma kanaan jalqabumarraa bu‟ura godhachuun hirmaannaafi gahee dhiiraafi dubartiin hawaasa keessatti umrii isaanii guutuu qabanirratti dhiibbaa qabaata. Dabalees, ragaaleen hiikaman akka mul‟isanitti, dhimmoonni koornayaa raaw‟ii sirnoota marsaa jireenyaa—dhaloota, gaa‟elaafi boo‟icha Arsiirraa mul‟atan, sababa dhimmoota hawaasa kanneen akka amantii, hawaasummaa, diinagdee, ammayyummaa, barnootaafi kkf irraa ka‟een kanneen jijjiiramanii waan biraatiin bakka bu‟uun loogiin koornayaa ture daraan akka cimu; kanimmoo loogiin ture akka fooyya‟u taasisan jiru. Gama kaaniin immoo kanneen jijjiirama malee itti fufaniifi guutummatti dagataman jiru. Ilaalcha koornayaa loogawaa raaw‟ii Sirnoota Marsaaa Jireenyaa Arsiirraa mul‟atu keessatti ilmi hawaasa keessatti bakka qabaachaafi ofitti amanamummaan akka guddatu taasifama. Faallaa kanaa intalli „an kan ormaati hanga ilmaa warra/gosa kiyya hinfayyadu‟ jechaa ilaalcha laafaa ta‟een akka guddattu taati. Kunimmoo akka dhuunfaattis ta‟ee, sabaatti ilaalcha loogawaa dhiibbaa guddaa qabuufi ilaalcha bara ammaa keessatti fudhatama hinqabne ta‟uusaatiin dhimma fooyya‟iinsi akkarratti ta‟uuf xiyyeeffannoo guddaa barbaaduudha. Kanaaf, qaamoleen dhimmi ilaallatu—maatiin, hawaasniifi qaamoleen mootummaa sadarkaan jiran duudhaa hawaasaa garee tokko ofitti aansee kaan achi qabu akka fooyya‟u, qabeenya ummataa dhiiraafi durbi qixa keessatti ilaalaman ta‟ee dhalootaa dhalootatti akka darbu gochuurratti gahee isaanii akka bahaniif yaboon kaa‟ameera. Jechoota Ijoo: Araddaa Ofii-Ormaa, Arsii, Bakka Ofdhoorkuu, Ijaarsa Duudhawaa, Ilaalcha Loogawaa, Koornayaa, Leelloo Ilmaa-Intalaa, Sirnoota Marsaa Jireenyaa | |
dc.identifier.uri | https://etd.aau.edu.et/handle/123456789/3417 | |
dc.language.iso | or | |
dc.publisher | Addis Ababa Unuversity | |
dc.subject | Araddaa Ofii-Ormaa | |
dc.subject | Arsii | |
dc.subject | Bakka Ofdhoorkuu | |
dc.title | Sirnoota Marsaa Jireenyaa Oromoo Arsii Bu‘ura Koornayaa Ijaaruu, Ibsuufi Daddabarsuutiin | |
dc.type | Thesis |