Qaacessa Afwalaloo Seenaa Badhaadha Dilgaasaa Waamii Uumamaa Naannoon Walqabatee Dhiyaate

No Thumbnail Available

Date

2020-06

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Gooticha Oromoo Badhaadha Dilgaasaa Waamii Uumamaa Naannoon walqabatee dhiyaate(Godina Shawaa Kaabaa-Salaalee): Aanaa Yaayyaa Gullallee Irratti xiyyeeffata. Kaayyoon guddaan qorannoo kanaa Qaacessa Afwalaloo Badhaadha Dilgaasaa Uumama naannoo waliin walqabatiin faarfaman ergaa qabiyyee faarichaa,haala hawaasaa, hiikaa afee,akeeka ilaalcha hawaasan faarsan, sababoota faaruu kana akka irraanfatamu[badu] taasisaniifi furmaata badiisa oolchurratti hundoofnee qaaccessuun dhaloota dhufuuf akka taa'u taasisuudha. Maddi ragaa qorannoo kanaa madda ragaa tokkoffaafi lammaffaadha. Akka madda ragaa tokkoffaatti namoonni odeeffannoon irraa funaaname Qabsaa'ota lubbuun jiran, maatii qabsa'ichaa, manguddootafi dargaggoota waa'ee seenaafi faaruu kanaa gad-fageenyaan beekan bifa afgaaffii,Daawwannaafi Marii garee gaafachuun yoo ta'an maddi ragaa lammaffaanimmoo namoota waayee faaruu gootaa maatiirraa dhaga'anii [Kitaabaafi dookimantarii Fiilmii OBS bara 2012 hojjetame]dha. malli qorannoo kanaa akkamtaan yoota'u,Iddattoon qoranichaa iddattoo xiyyeffannoo(purpose) ta'ee caarraa maleen kan filatame. Qorataan dura Biiroo Aadaafi Tuuriizimii aanichaa dubbisuutiin namoota naannichatti waa'ee seenaafi faaruu kanaa beekan gaafatee namoota eereef bira deemuudhaan isaan irraammoo namoota waayee kanaa beekan biroo qorachuudhaan odeeffannicha guuree jira. Faaruun funaaname kunis tmala garagaraan qoqqooduun qaaccessameera. Faaruun gootaa bifawwan sirbaafi geerrrarsaa uumama naannoofi bakkeewwaniin walqabatanii faarfaman bu'uura godhachuun kan dhihaatedha. Dabalataan Hawaasa mogoroo keessaa gootonni akka Badhaadha Dilgaasaa biqiluu isaa dabalatee barnoonni hammayyaafi sabboonummaan Oromoo dagaagaa dhufuun kanaan dura ilaalchi waltuffii hawaasa baddaafi gammoojjii(mogoroo) jidduu ture jijjiirramuun jaalalliifi tokkummaan sabaa cimuu eera.. Akkasuma ergaawwan faarsaa gootaa kun kanneen akka: Hawwii, gootummaa, jajumsa, gaddaa, roorroo, kutannoo,gorsaafi quuqqaa garaa ibsachuuf kan faarsamu yoo ta'u, haalawwan faaruun kun akka badu yookaaan irraanfatamu godhanis kanneen akka: dhiibbaa siyaasaa, amantaafi ammayyummaa ta'uun bira ga'ameera.Faaruu kana badiirraa oolchuun dhaloota dhufu dhaalchisuuf qaami mootummaafi hawaasni hundi kutannoon hojjechuun murteessaa ta'uu qorannoon kun ni eera.

Description

Keywords

Citation