Xiinxala walsimannaa fi garaa garummaa dandeettii barreessuu barattoota Afaan Oromoo akka afaan tokkoffaa fi afaan lammaffaatti baratan kutaa 9:xiyyeeffannaa mana barumsaa Ifa BoruueEekkaa daallee sad.2ffa.
No Thumbnail Available
Date
2025-04-20
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Qorannoon kun mata-duree,Xiinxala Walsimannaafi Garaagarummaa Dandeettii Barreessuu
Barattoota Afaan OromooAkka Afaan Tokkoffaafi Afaan Lammaffaatti Baratan Kutaa
9:Xiyyeeffannaa Mana Barumsa Ifa Boruu Eekkaa Daallee Sad.2ffaa jedhurratti xiyyeeffachuun
kan gaggeeffamedha.Hanqinoonni gama dandeettii barreessuutiin jechuun,jechoota qubee
sirriin barreessuu dhabuu,himoota, sirna tuqaalee bakka barbaachisutti fayyadamuu dhiisuu
akkasumas, keeyyata qindeessanii barreessuu dhabuun barattootaa mul’atu guddina afaanichaaf
gufuu guddaadha. Kanaafuu, kaayyoon qorannoo kanaa, walsimannaafi garaagarummaa
dandeettii barreessuu barattoota afaan Oromoo akka afaan tokkoffaafi afaan lammaffaatti
baratan xiinxaluun madda garaagarummaa kanaas adda baasuun rakkoo kanaaf furmaata
kaa’uudha.Malli qorannoo kana keessatti dhimma itti bahames,mala qorannoo akkamtaafi
hammamtaati. Meeshaalee funaansa ragaalee qormaata barattootaafi af-gaaffii barsiisotaatti
gargaaramteetti. Kana filachuuf immoo malli iddattoo miti carraa hojiirra ooluun qorannoon
kun adeemsifameera. Iddattoo kana keessaa qorattuun mala iddattoo akkayyoo fudhateetti.
Barattoota irrattimmoo mala iddattoo carraa tasaa fayyadamteetti.Odeeffannoon qormaata
barattootaafi afgaaffii barsiisotaan walitti qabames, mala ibsaatiin (mala lakkoofsaafi jechaan)
ibsamuun qaacceffamuun hiikni itti kennameera. Kanuma bu’uura godhachuun, argannoon bira
gahamees caasaa himaa eeganii barreessuu dhabuu, seeraan qubeessuu dhabuu, sirna tuqaalee
sirriitti fayyadamuu dhabuu fi barreeffamni isaanii qindaa’ina dhabuu ti. Maddi hanqinoota
dhimmoota kanneenii qorannoo kana keessatti adda bahes,fedhii barattoonni afaan Oromoo
barachuu dhabuu,barattootni afaan Oromoo akka afaan lammaffaatti baratan afaan Oromoo
baraachuu kan jalqaban erga sadarkaa 2ffaa ga’anii ta’uu,barattoonni barnoota sadarkaa
tokkoffaa keessatti waa’ee jechoota barreessuu, jechoota qindeessanii himoota barreessuu, sirna
tuqaalee eessatti fayyadamuu akka qaban, caasaa himaafi qindoo mina himaa sirritti osoo adda
baasnii hin beekin gara kutaa 9ffaatti darbuu, afaan birootti afaan hiikkachuu, hanqina
shaakala barreessuu gahaa gochuu dhabuu, sirni barnootaa qophaa’ee jiruufi gochaaleen
kitaaba barattootaa keessatti barreessuurratti kaa’amaniifi wayitiin barnootaa kenname
muraasa ta’uu, hordoffiifi deeggarsi barsiisotni kennanillee laafaa ta’uusaati.
Xumurarratti,rakkoo dandeettii barreessuu barattoota Afaan Oromoo akka afaan tokkoffaatti
barataniifi afaan lammaffaatti baratanii fooyyessuuf, sadarkaa gadiitti seera barreeffama Afaan
Oromoo adda baafatanii akka dhufan barsiisonniifi qaamni ilaallatu hundi xiyyeeffannoon
irratti hojjechuu, shaakala barreessuu walirraa adda hincinne taasisuu, Gilgalootaafi gochaalee
barreessuu jiran akka hojjatan jajjabeessuu , barattootaaf gochaalee shaakala barreessuu
gahaa kennuufi duub-deebii keennaa deemuu,barsiisotaaf leenjiifi carraa barnootaa adda addaa
kennuun dandeettii isaanii akka fooyyeffatan taasisuun ciminaan hojjetamuu qaba.
Description
Keywords
Qorannoon kun mata-duree, Xiinxala Walsimannaafi Garaagarummaa Dandeettii Barreessuu Barattoota Afaan OromooAkka Afaan Tokkoffaafi Afaan Lammaffaatti Baratan Kutaa 9:Xiyyeeffannaa Mana Barumsa Ifa Boruu Eekkaa Daallee Sad.2ffaa jedhurratti xiyyeeffachuun kan gaggeeffamedha.