Xiinxala Gahee Dubartootaa Asoosamoota Isaayyaas Hordofaa Keessatti
No Thumbnail Available
Date
2020-06
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
gama firiiwwan isaanii irraatti xiyyeeffachuun qorannoon yoo irratti adeemsifamu bal'inaan
hinmul'atu. Kanaafuu, qorannoon kun asoosamoota filatama sadan keessatti gahee
dubartootni qaban yaaxxina femenizimiirratti hundaa'uun ilaalamee jira.Kaayyoon
qorannoo kanaa inni ijoon, ga’ee qooddattootni dubartootaa asoosama filataman keessatti
qaban qaaccessuudha. Qorannoon kun qorannoo bu‘uuraa yoo ta‘u, mala qorannoo
akkamtaatti fayyadamuun ibsi kan irratti kennameedha. Odeeffannoon mala sakata‘insa
kitaabatiin kan fuunaname yoo ta‘u, asoosamoota filataman sadan gadi fageenyaan irra
deddeebiin dubbisuun gahee dubartootaa kitaabilee kanneen keessatti argamanirratti kan
raawwatameedha. Eddattoowwan funaanaman kunniin akkatuma gosoota isaaniin adda
baasuun qabiyyeefi dhaamsa isaan asoosamoota kanneen keessatti qaban bal‘inaan
xiinxalamee jira. Odeeffannoowwan funaanaman kanas, ulaagaalee yaaxxina femeniizimii
irratti hundaa'uun dhimmoonni gama, hawaasummaa, bulchiinsaa siyaasaa, diinagdee,
aadaa, duudhaa, amantaa, afaaniifi eenyummaa; akkasumas haala jiruufi jireenya keessatti
gahee dubartootni qaban xiinxaleera. Dhumarratti, ragaalee xiinxalamanirratti
xiyyeeffachuun argannoon qorannichaa: gahee dubartoota asoosamoota kanneen keessatti
argaman gama, hawaasummaa, bulchiinsaa siyaasaa ,diinagdee, aadaa, duudhaa, amantaa,
afaaniifi eenyummaa;akkasumas haala jiruufi jireenyaatiin qinda’anii jiru. Adeemsa
xiinxalaa kana keessattis, dhimmoonni asoosamoota filataman keessa jiran haala qabatamaa
addunyaa dhugaa keessatti mul'ataniin hangam akka wal-simatan wal-biraa qabuun
xiinxalamaniiru.Femeniizimiin yaadiddamaafi falaasama mirga walqixxummaa koorniyaafi
eegumsa seera dubartootaa ijaaruurratti bu’uureffatee yoo ta’u, Dhimmuma kana
bu'uureffachuun ragaalee asoosamoota kanneen keessaa funaanamanis xiinxalamaniiru.
Xiinxala ragaalee taasifaman kanarraas dhimmoonni hojiilee kalaqaa kanneen keessatti
dhiyaatan dhugummaa gama hawaasummaan,bulchiinsan,siyaasan ,diinagdee, aadaa,
duudhaa, amantaa, afaaniifi eenyummaa;akkasumas haala jiruufi jireenya uummaticha
keessa ture karaa amanamtummaa of-keessaa qabuun kan dhiyaatan ta'uun isaanii
hubachuun danda'ameera.Dabalataanis, rakkoowwan dubartootarra kallattii garaagaraan
ga'aa turan karaa qabatamaafi hubatamuu danda'uun hojiilee kalaqaa xiinxalaman kana
keessatti kan dhiyaatan ta'uun isaanii bira ga'ameera. Gama biraatin, haala xiinxala
waliigalaa taasifameen hanqinaaleen hojiilee kalaqaa kana keessatti mul'ataniifi maalta'insa
isaanii waliin dhiyaataniiru. Akkaataa fayyadama qooddattoota dubaraa illaalchisee,
qorannoo bal’aan osoo adeemsifamee dhimmoota qeeqa ogbarruu Oromootiif bu’aa buusan
baay’ee argachuu dandeenya. akkasumas gama Ogbarruu qofaan osoo hin taane gama
xinqooqaatinis osoo qoratanii bu’aalee qorannoo hedduun irraa argamuu ni danda’u ta’un
isaa amanamaadha.