Xinxaala Ibsa Leelloofi Faaruu Boochisaa Godina Shawaa Kaabaa : Aanaa Yaayyaa Gullalleerratti Xiyyeeffate
No Thumbnail Available
Date
2019-08
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Kaayyoon qorannoo kanaa qabiyyeefi ergaa faaruu boochisaa boochiftuun dhiyaatu xinxaaluudha.
Mata-duree kanarratti qorannoon akka gaggeeffamu ka’umsa kan ta’e: Faaruun boochisaa boochiftuun
dhiyaatu carraa qorannoon bahee mul’achuu dhabuu, ragaan faaruu kana ibsu sadarkaa afaanii qofaan
jiraachuufi dhiyaatinni faaruu kanaa hawaasa biratti laafaa deemuudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf
barruulees ta’ee qorannoowwan hanga tokko mata-duree qorannoo kanaa waliin hidhata qaban
sakatta’amaniiru.Yaaxxinaalee qorannoon kun bu’uureffates yaaxxina tajaajilaafi yaaxxina haalaa yoo
ta’u,qorannoo kana keessatti madda odeeffannoo tokkoffaatti kan dhimma bahameedha. Dabalataanis,
qorataan kitaabilee adda addaa akka wabiitti itti fayyadamameera. Maddi odeeffannoo tokkoffaas
mala iddatteessuu kaayyawaa fi darbaa dabarsaan kan filatameedha. Odeeffannoo madda tokkoffaarraa
funaanuuf daawwannaafi afgaaffiin hojiirra oolanii jiru. Odeeffannoowwan malleen kanaan
funaannaman mala qorannoo ibsaan qaacceffamaniiru. Adeemsa kana hordofuun argannoowwan bira
gahaman: Sirna boochisa nama du’ee irratti boochiftuu carraa faaruun boochisuu si’a sadi akka
argattu; Sirna boochisa daa’imman umurii bakkatti hammaattee kaasee hanga ijoollota umurii
waggaa 15 gadiitiif faaruun boochiftuu kan hindhiyaannef ta’uu; dhimmoonni faaruu boochiftuun
ka’an irra caalaatti kan nama du’eefi maatii isaatiin ka n walqabatan ta’uu; ergaan faaruu
boochiftuutiin sirna boochisaa irratti namootaaf darbu namoonni yommuu lubbun jiran waan gaariifi
qajeelaa akka hojjetan onnachiisuu, gorsuu, qeequufi barsiisuu ; boochiftuun sirna boochisarratti
faaruun boochisuu yoo eegalu, seenaa himuufiin yoo ta’u, yoo xumuuru immoo, faaruun eebbisuun
kan xumuuru ta’uu fa’a.Yaboo qorannoo kanaa keessattis faaruu boochiftuutiif xiyyeeffannoon
kennamuufii akka qabu yaanni kallattii itti aanu kun kaa’ameera. Dhimmoonni faaruu boochiftuun
sirna boochisaarratti darban kun sadarkaa afaanii qofaan kan darbaa jiran waan ta’eef, osoo gara
barreeffamaatti jijjiirramee gaarii ta’a. Akkasumas, faaruun boochisaa kun dhaloota dhufuuf madda
seenaa waan ta’eef, viidiyoon waraabamee osoo olkaa’amee gaaridha. Kana malees, faaruu boochisaa
keessatti hirmaannaan dubartootaa laafaa waan ta’eef, hawaasafi qaamni dhimmi ilaallatu dhimma
kanarratti waliin hojjechuun, faaruu boochisaa keessatti hirmaannan isaanii akka dabalu osoo
jajjabeessee. Dhumarrattis, qaamni aadaa hawaasaa kanaaf quuqqamu qorannoo bal’aa adeemsiisuun
ragaa barreeffamaa gahaa dhalootaaf osoo kaa’ee.
Description
Keywords
Oromo Language