Xiinxala Fayyadama Afaan Dubbii Daree Barnootaa Keessatti: Haala Godina Addaa Saba Oromoo Kamisee Aanaa Baatee Mana Barumsaa Fannoo Diima Baatee Sadarkaa Lammaffaatti
No Thumbnail Available
Date
2019-08
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Qaaccessa qorannoo mata duree "Xiinxala Itti Fayyadama Afaan Dubbii Daree Barnootaa Keessatti: Haala Godina Addaa Kamisee Aanaa Baatee Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Baatee " jedhu irratti kan gaggeeffame yommuu ta'u, adeemsa mataa isaa hordofee qophaa'e. Kunis, boqonnaa shan of keessaa qaba. Boqonnaan tokko ariirrata qorannichaa, ka'umsa, kaayyoofi barbaachisummaa isaa ragaadhaan deeggaruun kaa'ameera.. Boqonnaa lama keessatti immoo bareeffamatu sakatta'ame. Kunis, barreeffamoota dhimma mataduree qorannoo kanaa deeggaran akka qabiyyee isaa ibsuun kaa'uufi yaada ciminaa kan kennantu taa'eera. Boqonnaa sadii keessatti immoo mala qorannichi ittiin adeemsifamemala qorannoo ququlleeffataati. Maddi raga qorqnnoo kanaa barsiisota afaan oromoo mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Baateefi barattoota mana barumsaa kanaa kan Afaan Oromoo baratanidha. Malli filannoo raga kennitoota kanaas barattoota Afaan Oromoo kutaa 11-12 daree tokko tokko jiran keessaa 11fi12 daree tokko tokko fudhachuun, akkasumas barsiisota Afaan Oromoo barsiisan afur jiran keessaa mala xiyyootiin lama fudhachuun raga qabatamaa fudhachuun qaaccesseera. Akkasumas meeshaalee ragaan ittiin funaanamee fayyadamni afaanii daree keessaa maala akka fakkaatu irratti daawwannaa, fayyadama afaanii eenyummaa isaanii ibsuurratti immoo afgaafiifi marii gareetiin funaanamee qaacca’e. Malli ragaan ittiin ibsame gosa qorannoo ibsituutiin ragan gad fageenyaaan ibsamaniiru. Boqonnaan afur immoo xiinxala ragaalee keessatti ragaalee barattootaafi barsiisota irraa funaanamantu xiinxalamanii dhiyaataniiru. Kutaa jalqabaa keessatti adeemsa fayyadama afaan dubbii daree barnootaa keessatti taasifamutu ibsame. Itii aansuudhan immoo itti fayyadama afaanii eenyummaa barataafi barsiisaa ibsan loogawwn daree barnootaa keesatti mul'atan akka sadarkaa isaaniitti addeeffamaniiru. Dabalataanis, haala makaa haasaa daree barnootaa keessatii barattoonni mana barumsaa Baatee keessatti mul'atu duraaduuban ibsamaniiru. Kana malees, ergaa itti fayyadama afaanii daree barnootaa keessaa akkaataa ergaafi hiika isaaniitiin xiinxalamanii dhiyaataniiru. Arganoo qorannichaa keessatti loogni sadarkaa dhamjechaatti sadarkaa jechaafi himaattillee mullachuun isaa qorannoon kun mirkaneesseera. Makaan haasaa sadarkaa dhamjechaatti hanga himaattii makanii haasa’uun daree barnootaa keessatti dubbatamuun isaa waliigaltee barsiisaafi barttoota gidduu jiraachuun isaa qoratichi ibseera. Haala fayyadama afaanii daree keessaa keessatti ergaan barataafi barsiisaa gidduutti darbu maal akka fakkaatu ibsameera. Kanaafu yaada furmaataa keessatti barsiisonni makaa haasaa daree barnootaa keessaa hambisuun afaan barnotaan barsiisuun furmaata ta’ee ibsameera. Dabalataanis looga naannoo kanaafayyadamuurra afaan gidduu galeessa fayyadamuun gara afaan waalta’eetti fiduun barattoota dorgomaa gochuun gaarii akka ta’e qoratichi qorannoo isaa keessatti ibseera. Kana malees, fayyadama afaanii daree keessaa eenyummaa barataafi barsiisaa ibsan adda ba’nii dhiyaataniiru.