Qaaccessa Adeemsa Sirna Ayyaana Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo Amantii Waaqeffannaa:Haala Qabatamaa Godiina Shawaa Kaabaa Aanaa Hidhabuu Abootee

No Thumbnail Available

Date

2021-11

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Xiyyeeffannaan qorannaa kanaa inni guddaan “Qaaccessa Adeemsa Sirna Ayyaana Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo Amantii Waaqeeffannaa: Haala Qabatamaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Hidhabuu Abootee Qaaccessuu”dha.Kaayyon qorannichaas adeemsa sirna Ayyaana Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo qaaccessuudha.Ka‟umsi qorannoo kanaa Ayyaana Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo uummata Oromoo biratti laafaafi dagatamaa waan dhufeef dhaloonni dhufu aadaafi safuu isaa akka hindaganne bu‟uura kaa‟ufi.Malli qorannichaa mala qulqullaa‟inaa (akkamtaa) yoo ta‟u, tooftaalee iddatteessuu mit-carraa keessaa iddatteessuu akkaayyoo (purpose sampling)fi iddattoo darbaa dabarsaa (snow ball sampling)tti fayyadameera.Maloonni funaansa ragaalee qorannichaaf hojiirra oolan daawwannnaa,af-gaaffiifi marii garee xiyyeeffataadha.Ragaaleen walitti qabaman ammoo tooftaa qorannoo ibsaa fayyadamuun qaacceffamee jira. Adeemsa kana hordofuun hojii qorannoo kanaan argannoowwan bira ga‟aman sirni Ayyaana Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo kan geggeeffamu yeroo dhaloonni walguu fedheefi rakkoon hamtuun dhaloota muudatte kan raawwatuufi dhangaaleen warri Abbaa Oromoon dur irraa kaasee soorachaa turan kan akka foonii, dhadhaa,dammaafi aannanii adda durummaan kan qophaa‟u ta‟uu isaati.Yaboo qorannoo kanaatiin xiyyeeffannoon barbaachisaa ta‟e akka kennamuufi qabu akeekni ijoo ta‟e kennameera. Kaayyoon qorannichaa Adeemsa Sirna Ayyaana Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo Amantii Waaqeffannaa: haala qabatamaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Hidhabuu Abootee qaaccessuudha. Fakkoommiwwan sirnicha keessatti mul‟atan akaakuuwwan fookloorii gurguddoo arfan kan bu‟ureeffatan yommuu ta‟u, isaanis: afoola, duudhaa hawaasaa, meeshaa aadaa fi aartii duudhaa fa‟i. Yaboon qorannichaa immoo kabajni duudhaa sirna Ayyaana Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo dur irraa eegalee hawaasichaan kabajamaa ture kun sababa dhiibbawwan adda addaatin laafaafi dhaloota baay‟een dagatamaa waan tureef yeroo yerootti qorachuufi kunuunsuun bifa safuu hawaasaa eegee dhalootaa dhalootatti darbuu danda‟u kallattii qabsiisuun akka itti fayyadaman gochuun gahee Waajjira aadaafi turiizimii aanichaafi dammaqina hawaasa hundaa gaafata. Barbaachisummaan qorannoo kanaas adeemsota sirna kabaja Ayyaana Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo dagataman ifa baasuu, namoota mata duree kanarratti qorachuu barbaadaniif ka‟umsa ta‟uu akka danda‟uu, argannoowwan qorannoo kanaa qabiyyee barnootaa keessatti akka hammatamuuf haala nimijeessuufi kan kanafakkaatu yoota‟u, hanqina qorannichaatiin walqabatee rakkoo uumameef hanqina kitaabaatiif intarneetii fayyadamuu,bakka too‟eetti namoota ga‟umsa qaban dhabamuun qaamaan mana jireenyaa dhaquun,namni viidiyoo waraabu gatii dabalachuu,mobaayiliitti fayyadamuu.dubartoonni yeroo viidiyoo waraaban sodaachuu, sagalee mobaayiliitti waraabuun furmaata gahaa kaa‟uun qorannoo fiixaan baasee jira.Gama biraatiin kitaabileen mataduree kanaan firoomina qaban kan sakata‟amanyoota‟u,firiiwwan fooklorii keessaa afoolarratti bu‟uureffachn faaruu loonii irratti kan xiyyeeffateedha.

Description

Keywords

Citation