Qaaccessa Itti Fayyadama Afaanii Asoosamaa Imala Jireenyaa Keessatti

dc.contributor.advisorAddunyaa Barkeessaa
dc.contributor.authorMeetii Dirribaa
dc.date.accessioned2023-12-29T12:47:46Z
dc.date.available2023-12-29T12:47:46Z
dc.date.issued2021-10-01
dc.description.abstractKaayyoon qorannoo kanaa asoosama „Imala Jireenyaa‟ fayyadama afaanii irratti xiyyeeffachuun xiinxaluu yoo ta‟u, qorannaan baay‟een ogafaan Oromootiin gaggeeffaman, ogbarruun barreeffamaa Oromoo garuu, xiyeeffannoo waan argate hinfakkaatu. Xiyyeeffannoon ogbarruu Oromootiif kennamu dhabamuun ammoo, sirna barumsaa ogbarruu afaanichaatiif gumaachi inni taasisus xiyyeeffannaa dhabuu danda‟a. Kunis dhimma fayyadama afaanii waan ta‟eef. Keessumaa akkaataan barreessaan tokko afaanitti fayyadamu sirna barumsaaf ka‟umsa godhachuun kan dhihaateedha. Malli qorannoo kanaa, mala akkamtaa keessaa iddattoo akkaayyootti fayyadamuun mala mit carraatiin filamee jira. Iddattoo kanaan funaanufis mala ibsaa fayyadamuun qaacceffameera. Argannoowwan gurguddoon qorannoo kanaa barreessaan afaan inni fayyadame: malleen dubbii, gosa gosaan akkaataa qabiyyee ergaa isaan dabarsanirratti hundaa‟uun kaa‟eera. Itti aansuunis, fayyadamni jechootaa, jechoota filatamoo, jechamoonniifi mammaaksonni jechoota barsiisuuf mijatoo waan ta‟aniif qabiyyee barnoota Afaan Oromootti dabalamanii barnoota kennamu qabatamaa ni taasisu. Akka ciminaatti kan kaawamu, jechoonni bakka barbaachisaatti galuun fayyadama afaanii sirriiti kan hawasasni Oromoo jiruufi jireenya isaa keessatti fayyadamu ta‟uu isaati. Akkasumas haala yeroo isaa wajjin walqabachuun jechoota filatamoo barreessaan asoosama kanaa itti gargaarame ciccimoofi sirriitti nama ibsuu danda‟anitti gargaarameera. Akka dadhabinaatti kan ilaalaman ammoo, barreessichi darbee darbee sirna tuqaaleefi dogoggora qubee akkasumas, jechoota safuu hin eeggannetti gargaaramuu isaa mul‟ateera. Akka furmaataatti kan kaa‟ame, seenaa, aadaafi duudhaa, amantiin fayyadama jechootaa barreessaan waan dhihaataniif osoo gumii dagaagina ogbarruufi Afaan Oromoo manneen barnootaa keessatti barattoota hirmaachisan barumsa dabarsuu danda‟a. Barreessaan asoosama isaa keessatti qubeessuufi sirna tuqaalee fayyadamuu irratti xiyyeeffannaa osoo kenne gaariidha. Akkasumas, jechoota filatu keessatti jechoota safuu hawaasaa eeganiifi fudhatama qabanitti utuu gargaarame aadaa fayyadama afaanichaa babal‟isuu danda‟a
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/1310
dc.language.isoor
dc.publisherAddis Ababa Univrestiy
dc.titleQaaccessa Itti Fayyadama Afaanii Asoosamaa Imala Jireenyaa Keessatti
dc.typeThesis

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
3.pdf
Size:
570.09 KB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Item-specific license agreed to upon submission
Description: