Xiinxala Dandeettii Barreeffama Keeyyataa Barattootaa Mana Barumsaa Silk-Ambaa Kutaa 12ffaa Ijabarreeffama Qabuutiin.

No Thumbnail Available

Date

2022-01

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoo waliigalaa qorannoo kanaa keeyyata barattoonni barreessan ija barreeffama Gahumsa Qabuuiitiin xiinxaluufi dhuma irratti hanqinoota mul’ataniif yaada furmaataa kennuudha.Bakki qorannichi itti adeemsifames godina Shawaa Lixaa aanaa Noonnootti mana barumsaa Silk-Ambaa kutaa 12ffaa keessatti.Galma ga’iinsa qorannoo kanaatiif ragaaleen barbaachisoo ta’an maddoota sadarkaa 1ffaa kan ta’an barsiisotaafi barreeffama barattootaa irraa funaanuun xiinxaleera.Akkasumas, madda ragaa 2ffaa xiinxala dokumentiitti gargaaramee ragaan funaanee walitti qindeessuun boqonnaa arfaffaa keessatti xiinxaleera.Odeeffannoowwan kanneen bar-gaaffiin funaanamanii bifa ammamtaa qaban gabatee keessatti lakkoofsaafi dhibbeentaan xiinxaleera. Odeeffannoowwan af-gaaffii kanneen bifa akkamtaan funaanaman immoo walitti qindeessuun jechaan xiinxaleera.Dhuma irratti, xiinxalli waliigalaa ergan itti kennee booda ragaaf hiika kenneera.Haaluma kanaan, ragaan ani funaanee xiinxale akka agarsiisutti,rakkoon seenduubee afaan barattootaa maatiifi hawaasa naannoo waliin jiraatan irraa madduun barattoonni barreeffama gahumsa qabu akka hinbarreessine dhiibbaa uuman kan hinmul’anne ta’us fedhiifi kaka’umsi dandeettii barreessuu guddisuuf gargaaru gama barsiisaafi barattootaatiin jiru hamma eegamuu gadi ta’uu, kanaaf immoo, hordoffiifi deeggarsi barsiisotaa laafaa ta’uu,barsiisonni barattoota isaanii akka ogummaa barreeffamaa guddifataniif gahee isaan irraa eegamu bahaa kan hinjirre ta’uun hubadheera.Barattoonni abbaltii shaakalaa isaaniif kennamu walii isaaniitiif akka sirreessaniif haala kennataa kan dhaban ta’uus adda baaseera. Barreeffama barattootaa yoon xiinxalu qubeessuu irraa eegalee; sirna tuqaalee,caasluga,ijaarsa keeyyataa, itti fayyadama himoota ijoofi gargaartuu,walhidhiinsa, tokkummaa,xiyyeeffannoo keeyyataa agarsiisuurratti hanqina qabaachuun mirkaneeffadheera.Maddi hanqina barreeffama barattootaa ija barreeffama gahumsa qabuutiin fudhatama hinqabne barreessuu barattootaa kun barnootaafi barreeffama AfaanOromootiif xiyyeeffannoo dhabuufi barsiisonni deeggarsa malu kennuu dhabuu,haalli duub-deebiin barattootaaf itti kennamu, kaka’umsa barattootaa laaffisuu ragaan sassaabame ni mul’isa..Qorannoo kana keessatti hanqina barreeffama barattootaa ija barreeffama gahumsa qabuutiin fudhatama hinqabne barattoota mudatan furuuf yaadota akka falaatti anni eere:barattoonni barreeffama gahumsa qabu barreessuuf shaakala walitti fufaa taasisuu,barsiisonni hordoffii cimaa gochuu,kenninsa yaad-deebii keessatti barattoota hirmaachisuu,wayiitii barnootaa Afaan Oromootiif xiyyeeffannaa kennuu fa’aan yaboowwan ani kaa’edha.

Description

Keywords

Citation