Xiinxala Fayyadama Afaanii Walaloo Sirboota Mata Dureen Isaanii Amalakeefi Sodaa Qawwee Hin Qabnu Jedhan Keessaa

dc.contributor.advisorAddunyaa Barkeessaa(PhD)
dc.contributor.authorWarqinaa Lachiisaa
dc.date.accessioned2024-02-28T06:22:07Z
dc.date.available2024-02-28T06:22:07Z
dc.date.issued2021-01
dc.description.abstractQorannoon kun Xiinxala fayyadama afaanii walaloo sirboota Galaanaa Gaaromsaa keessatti dhimma itti bahaman xiinxalameera.Kaayyoon qorannichaas fayyadama afaanii walaloo sirboota Amalakeefi Sodaa qawwee hin qabnu jedhan keessaa adda baasuu.qabiyyeewwan fayyadama sana ibsuuf haala qabatamaa hawaasaa aangootti himuun itti danda’amu balballoomsuudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf mala akkamtaatti dhimma bahamee jira.Iddattoon qorannichaa iddattoo akka kaayyoo ta’ee,tooftaa iddatteessuu miti carraati.meeshaan funaansa odeeffannoo sakatta’a dokumentiitti fayyadamuun sirboota filatamanii walaloo sirboota kanaarratti immoo xiinxala gaggeessuun fayyadamni afaanii achi keessaa walitti qabamanii jiru.walaloon sirboota filatamanii saxaxa ibsaa fayyadamuun qoqqooduufi qaaccessuun ka’ameera.ka’umsi qorannichaa fayyadama afaanii walaloo sirba keessatti dhiyeessuun warra aangoo qabutti dhugaa hawaasaa himuu danda’uu isaa, gaaffiii mirga abbaa biyyummaa haala miira namaatti dhagahamuun dhiyeessuu isaa,bakka handhuura Oromoo Finfinnee irratti xiyyeeffachuufi sirboonni sun baay’inaan Oromoo bira taranii ormaanuu dhaggeeffatamuu isaaniiti. Ibsituun kanaas yuutuubii irratti sagalee guddaa argachuun kan daawwatamedha.Sirboonni ‘Amalakeefi Sodaa Qawwee hin qabnu’ fayyadama afaanii, ergaa fayyadama afaaniifi fayyadamni afaanii akkamiin faayidaaa aangoo hawaasaatti ibsu qaacceffameera. fayyadamni afaanii ergaan fayyadama afaanii sirba keessatti seenaa darbe hammeenya isaa adda baasuun yaadachiisuufi barsiisuu,rakkoo hawaasa tokkoo ifatti baasee waan mul’isuuf jechoota ciccimoo tokkummaa hawaasaa cimsuu,seenaa hammeenyaa,sirnoonni darban uummata Oromoo irraan gahan waan barsiisufi yaadachiisuf ergaa fayyadama afaaniif xiyyeeffannoon kennamee irratti hojjetamuu qaba.karaa biraatiin Sirbi kun jechoota ciccimoofi miira namaa kakaasan malleen dubbii garagaraa,jechamootaa fi ciigoowwaan fayyadamuun hawaasa Oromoo fincila diddaa garbummaa taasisaa ture akka kaayyoo tokkoof waltumsee mirgaan galuuf akka si’eessituutti jabina waan itti horeef ergaa fayyadama afaanii sirbichaa karaalee garagaraan akka hawaasichaaf ifa ta’uuf irratti hojjetamuu qaba.
dc.identifier.urihttps://etd.aau.edu.et/handle/123456789/2059
dc.language.isoor
dc.publisherAddis Ababa University
dc.subjectwalaloo sirboota
dc.titleXiinxala Fayyadama Afaanii Walaloo Sirboota Mata Dureen Isaanii Amalakeefi Sodaa Qawwee Hin Qabnu Jedhan Keessaa
dc.typeThesis

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Warqinaa Lachiisaa.pdf
Size:
313.25 KB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Item-specific license agreed to upon submission
Description: