Qaaccessa Qabiyyeewwan, Sirna Fuudhaafi Heeruma Sabbatmarii Goodina Shawaa Lixaa Aanaa Calliyaarratti Kanxiyyeffate

No Thumbnail Available

Date

2019-07

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Kaayyoon qorannoo kana qabiyyeewwan sirna fuudhaafi heeruma sabbatmarii Oromoo Godhina Shawaa Dhihaa Aanaa Calliyaa qaaccessuudha. Qorannoo kana gaggeessuuf wanti qorattuu kana kakaase sirni fuudhaafi heeruma sabbatmarii hafaa waan dhufeef kadhaa irraa kaasee hanga fuudhaatti qabiyyeewwan sirinnicha keessatti argaman, afoolawwaniifi fakkoommii sirnnicha keessatti dhimma itti bahama dagatamaa jiru. Kanaafuu duudhaafi beekumsi hawaasaa akka hinbadneef ergaa isaan dabarsan qaaccessuun barreeffamaan kaa’uun dhaloota hubachuusuudha. Odeefkennitootni qorannoo kana irratti hirmaatan abbootii gadaa, haadholii siiqee, jaarsolii, hojjettoota aadaafi tuurzimii, waajjira koomnikeeshiinii aanichaa keessaa mala iddatteessuu kaayyeffataa (purposive sampling) fayyadamuun filatamaniiru. Ragaalee qorannoo kanaaf oola funaanuufis afgaaffii, marii gareen funaanamaniifi qaaccssa barreeffaman jiran gargaaramteetti. Ragaalee meeshaalee kanaan funaanaman mala akkamtaa fayyadamuun qaacceffamaniiru. Argannoon qorannoo kanaa adeemsa fuudhaafi heeruma sabbatmarii Orommoo keessatti qabiyyeewwan, argaman fuudhaafi heeruma biroo keessaatti kanneen hinargamnellee jiraachuun bira gahameera. Weedduun sirna kana keessatti weeddifaman jibbinsa dhugaa akka hin agarssfne ta’uuf, garuu sababa dhiibbaa amantii, guddina saaynsiifi teeknooljiitiin hafaa dhufuunsaa biragahameera. Fakkoommiiwwan sirnicha keessatti mul’atan duudhaa hawaasaa, meeshaa aadaa, aartiifi afoola kan bu’ureeffate ta’uun biragaahmeera. Isaanis: nama qaama hir’uu, qurcii, jaamaa, farada luugamaan dhaabuu, intala heerumtu qalaamaa fardaatti aggaamsisun, caaccuun, okoleen, siiqqeefi ulee harooressaa qabachuun gurbaa fuudha dhaquun,, dhoqee buusuun intala irra ejjechiisuun, aannan itti biifuun eebbisuun akka dhuudhaa hawaawa aanichaatti maal maalitti akka fakkeeffamu qaacceffamee dhiyaateera. Kanaafuu, duudhaa hawaasaa kana tursiisuufi itti fufinsa akka godhatu hawaasni Oromoo keessattuu qorattoonni aadaafi tuurzimii godinaa hanga gandaatti dhalootaa haaraaf bifa hindagatamneen viidiyoodhaan ykn barreeffamaan dabarsuutu irraa eegama. Akkasumas waajjirri aadaafi tuurisimii qama dhimmi kun ilaallatu hunda wajjin ta’uudhaan manguddoota hawaasa kana keessaatiif haala mijeessuun dhaloota akka hubachiisantu irraa eegama. Dabalataanis qabiyeewwan sirna fuudhafi heeruma kana keessa jiran kunuunsuufi dhalootaaf bu’ura kaa’uun barbaachisaadha.

Description

Keywords

Oromo Language

Citation