Qaacceessa Yoomessaafi Waldhabbii Asoosama Hiree Jal‟ Atte
No Thumbnail Available
Date
2023-11
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Qorannoon kun kaayyoo isaa inni ijoon asoosama Hiree Jal'atte jedhu keessatti caacculee
asoosamaa jiran keessaa yoomessaafi waldhabbii maal akka fakkaatu qaaccessuu irratti
xiyyeeffata.Qaaccessa godhamu kana keessattis wantonni ka'an;akaaku yoomessa asoosama
kana keessatti argaman tarreessufi akaakuwwan waldhabbii asoosama kanaa keessatti argaman
tarreessuufi walitti hidhaminsa yoomessaafi waldhabbii faayidaa maali akka qabu ifoomsuu
fa'i.Qorannoo kana rawwachuuf malli qorannoo itti dhimma bahe mala qorannoo
akkamtaati.Maddi ragaa qorannoo kanaas madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaa
yoo ta'u,isaanis kitaaba asoosama Hiree Jal'atteefi barruulee addaa addaa
sakattaa'uudhani.Qorannoon kun qaaccessa keessatti kutaa lamaan dhiyaate.kutaan kunis
qaaccessa yoomessaafi waldhabbii asoosama Hiree Jal'atte isa jedhu yammuu ta'u,boqonnaa
lammaffaa keessatti yaaxinni haayyota adda addaa eeramera.Yaadota kana bu'uura
godhachuudhaan boqonnaan sadii xiinxalameera.Argannoon qorannoo kanaa ergaan asoosama
Hiree Jal'tte keessa jiru irra caala yoomessaafi waldhabbii irratti bu'uuree kan jiru ta'uun
hubatameera.kana malees barreessaan asoosamichaa yoomessifi wal dhabbiin addunyaa
dhugaa akka ibsan dhimma itti ba'eera