Qaaccessa Fayyadama Afaanii Asoosama Mata Dureen Isaa Qaroo Dhiiga Boosse Jedhuu
No Thumbnail Available
Date
2014-02-01
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Kaayyoon qorannoo kanaa asoosama "Qaroo Dhiiga Boosse" jedhu keessatti fayyadama afaanii irratti xiyyeeffachuun qaaccessu yommuu ta'u, qorannaan baay'een og-afaan Oromootiin haa gaggeeffaman malee, og-barruun barreeffamaa garuu, xiyyeeffannoo waan argate hin fakkaatu. Xiyyeeffannoon ogbarruu Oromootiif kennamuu dhabamuun ammoo sirna barumsaa ogbarruu afaanichaatiif gumaachi inni taasisus xiyyeeffannaa dhabuu danda'a. Kunis, dhimma fayyadama afaanii waan ta'eef keessumaa akkaataa barreessaan tokko afaaniitti fayyadamu sirna barumsaaf ka'umsa godhachuun kan dhiyaatedha. Malli qorannoo kanaa, mala akkamtaa iddattoo akkaayyootti fayyadamuun mala mit-carraatiin filame jira. Iddattoo kana funaanuufis, mala ibsaa fayyadamuun qaacceffameera. Malleen dubbii akkaataa isaan ergaa dabarsaniin ka'eera. Fayyadama jechootaafi mammaksootni jechoota barsiisuuf mijatoo waan ta'aniif, gosa barnoota Afaan Oromootti dabalamanii barnoota kennamu qabatamaa nitaasisu. Kan akka ciminatti ka'aamu, jechoonni bakka barbaachiseetti galuun fayyadama afaanii sirritti kan hawaasni oromoo jiruuf jireenya isaa keessatti fayyadamu ta'u isaati. Karaa biroo immoo haala yeroo isaa wajjiin walqabachuun jechoota filatamoo barreessaan asoosamaa kanaa itti gargaaramee cicciimoofi sirritti nama ibsuu danda'anitti gargaarameera. Garuu, dahabina isaa yoo ilaalle,barreessichi darbee darbee dogogora qubeefi haala fayyadama sirna tuqaalee ni mul'ata.Akkasumas barreeffama isaa keessatti jechoota namni hunduu hubachuu hin dandeenye barreessaan fayyadameera. Kanaaf furmaata ta'a jedhamee kan ilaalamu barreessaan kitaaba yeroo kitaaba tokko barreessuu ummata yookaas hawaasa biran ga'uuf yaadee giddugaleeffachuun jechoota ifoo ta'an yookaas waaltawwaatti fayyadamuun gaariidha.