Xiinxala Fayyadama Afaanii Hordoftoota Qaalluu Abbaa Dhugaa Biratti :Godina Wallaggaa Bahaa, Aanaa Haroo Limmuu
No Thumbnail Available
Date
2018-08
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Qorannoon kun fayyadama afaanii hordoftoota Qaalluu Abbaa Dhugaa xiinxaluurratti xiyyeeffata.Ka’umsi qorannoo kanaa Qaalluun Abbaa Dhugaa namoota dhoksaatti hojii kanneen akka sobaa,hannaa,ajjeechaafi waan kana fakkaatan raawwatan ifa baasuu isaa irratti xiyyeeffata.Kaayyoowwan qorannoo kanaa kaayyoo gooroofi kaayyoo gooree jedhamuun bakka lamatti qaoodamu.Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa fayyadama afaanii amantoota qaalluu abbaa dhugaa xiinxaluudha.Kaayyoowwan gooree qorannichaa kan ta’an immoo tokkoffaan akaakuu fayyadama afaanii amantoota qaalluu abbaa dhugaa adda baasuu,lammaffaan,ergaa fayyadama afaanii amantoota qaalluu abbaa dhugaa ibsuu,sadaffaan,gahee fayyadamni afaanii amantoota qaalluu abbaa dhuagaa eenyummaa amantiifi amantootaa ijaaruu keessatti qabu ibsuu kan jedhanidha. Malli qorannichaa mala qorannoo akkamta yoo ta’u tooftaaleen iddatteessuu qorannichaa immoo mala iddatteessuu akkaayyoodha.Malli kun kan qorataan akka kaayyoo qorannichaatti odeeffataa filatudha.Maloonni funaansa ragaaleef hojiirra oolan daawwannaafi afgaaffiidha.Akka bu’aan qorannoo agarsiisutti qabiyyeewwan xiinxala fayyadama afaanii hordoftoota Qaalluu Abbaa Dhugaa jechamoota,malleen dubbii, eebba, kakaa, abaarsa, wareega, faaruuwwan faayidaa adda addaatiif oolanfi kanneen kana fakkaatan kan dhimma itti bahamanidha.Maddi ragaa qorannichaa madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammeffaarraa kan walitti qabamedha.Madda ragaa tokkoffaa kan ta’an geggeessaa amantii qaalluu abbaa dhugaa, salgee amantii qaalluu abbaa dhugaa,hawaasa amantii qaalluu abbaa dhugaa hordofan yoo ta’an akka madda ragaa lammaffaatti kan fudhataman hojjettoota aadaafi turiizimii aanaa Haroo Limmuu akkasumas barruuleefi kitaabilee adda addaa dubbisuun kan walitti qabamedha.Ragaaleen daawwannaafi afgaaffiidhaan argaman akkaataa walfakkeenya isaaniitiin walitti fiduufi qindeessuun qabiyyee afaanii taateewwan amantii qaalluu abbaa dhugaa keessatti itti dhimma bahaman isaan kam akka ta’an adda bahaniiru.Kana malees fayyadama afaanii amantii qaalluu abbaa dhugaa keessatti argaman xiinxaluun gara barreeffamaatti jijjiiruudhaan qindeeffamanii xiinxalamaniiru.
Description
Keywords
Oromo Language