Qaaccessa Weedduu Lakkoo: Haala Oromoo Gaamoo Godina Haragee Lixaa Aanaa Gubbaa Qorichaa

No Thumbnail Available

Date

2008-07

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Afoolli haala jireenya hawaasa tokkoo murteessuufi kuufama beekumsaa kan fuulduratti hawaasa fuudhee deemu ta’uu isaa hubanna. Hawaasni afoola isaatiin muuxannoo, jiruufi jireenyaa, duudhaafi rakkina isa muudate ittiin ibsata. Gosa afoolaa keessaa weedduun isa tokkodha. Weedduu Lakkoo waliitti qabuun aadaa Harargee Lixaa Aanaa Gubbaa Qorichaa irratti xiinxalli taasifamuun qorannoon dalagame hin mul’atu. Darbee darbee weedduu muraasa walitti qabuun ni mul’ata. Qorataan kun barsiisaa afaanii waan ta’eef, afaaniifi aadaan fuula saantima dubaafi duraati jechurraa ka’uun qorannoo “Qaaccesa weedduu Lakkoo; Haala Oromoo Gaamoo, Godina Harargee Lixaa Aanaa Gubbaa Qorichaa” mata duree jedhu irratti gaggeesseera. Kanuma bu’uureffachuudhaan daangaan qorannoo kanaa qaaccesa weedduu Lakkoo; Godina Harargee Lixaa Gandoota Aanaa Gubbaa Qorichaa keessatti argaman keessa ganda 8 irratti kan xiyyeeffateedha. Kaaayyoon ijoo qorannoo kanaa weedduuwwan Lakkoo kan Godina Harargee Lixaa Aanaa Gubbaa Qorichaa addaan baasuu, qabiyyeewwan ibsuu, ga’ee ijaarsa eenyumaa keessatti qabu himu,ergaa isaa qaaccessuudha. Maddi raga qorannichaa madda ragaa tokkoffaafi madda ragaa lammaffaa irraa kan walitti qabameedha. Madda raga tokkoffaa kan ta’an manguddoota naannoo,hawwan, hojjattoota Waajjira Aadaafi Turiizimii yoo ta’an akka madda ragaa lammaffaatti kan fudhataman barruuleefi kitaabota adda addaa dubbisuun kan walitti qabamedha. Qorannoo kana keessatti mala iddattoo akkayyoofi malli iddatteessuu darbaa dabarsaa kan dhimma itti bahaman yoo ta’u, meshaaleen odeeffannoon ittiin funaaname afgaaffii,caameeraafi daawwannaadha. Haaluma kanaan odeeffannoon malleen kanaan walitti qabaman mala qorannoo akkamtaa fayyadamuun mala qorannoo ibsaatiin kan xiinxalameedha. Akka waliigalaattis weedduun Lakkoo weedduwwan dikkoo, weedduu shaggooyyee, weedduu dhiichisaa, weedduu heelleefi heellamaa kan ofkeessaa qabudha. Qabiyyeen Weedduu Lakkoo buhaarsuuf, seenaa dhaamuuf, milka’inaa, barsiisuufi waa’ee qabeenyaa ibsuudha. Weedduun kun walitti qabamee xiinxalamuun qorannoon kan hin gaggeeffamne tahuusaa akka argannoo qorannoo kanaatti kaa’ameera. Argannoo qorannicha, keessatti tuqaman irratti hundaa’uun weedduun Lakkoo Aadaa Oromoo kan eenyummaa, duudhaafi aadaa hawaasichaa ibsan kun kallattiinis ta’ee alkallattiin qaamni dhimmi ilaallatu, beektonni Oromoo kanneen fedhii qaban weedduu Lakkoo gosoota weedduu hunda isaanii waliittii guruun gadifageenyaan qoratanii gaalmeessuun, Biirooleen akka Aadaafi Turizimii, Biiroon Kominikeeshinii, caasaalee isaan jalatti argamanifi barsiisonni Afaanii kanneen aadaa eenyummaa hawaasichaa ibsanirratt qorannoo gaggeessuun gahee isaanii bahuu akkasumas akka shaakalaman godhu.

Description

Keywords

Qaaccessa Weedduu Lakkoo

Citation