Qaacceessa Qabiyyee Darashii Qonnaan Bulaa Godina Harargee Bahaa Aanaa Qarsaa

No Thumbnail Available

Date

2017-08

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun qaacceessa qabiyyee darashii qonnaan bulaa godina Harargee Bahaa aanaa Qarsaarratti xiyyeeffatu.Kaayyoon inni guddaan qorannoo kanaa ogafaan hawaasaa kun dhalootaa dhalootatti afaaniin darbaa dhufe. Kun ammo,akkuma qaroominni teeknooloojjii hawaasaa guddachaa deemuu hanqina tokko tokkoo hindhabu.Kanumarraa ka’uun qorataan wanti ogafaaniin jiruu dagatamuu waan danda’uuf namoonni kan barreeffamaan jiruu dubbisanii irraa akka hubatan barreesuudhaan itti agarsiisuudha.Kana malees,nama mata duree kanarratti qorannoo walffakkaatu gochuu barbaaduuf akka wabiitti tajaajjiluu danda’a. Malli qorataan qorannoo kanaaf dhimma itti bahee mala akkamtaa (qualitativemethod) yoo ta’uu,maddi ragaalee manguddootas arraddoota Oromooti. Iddatteessuun qorannichaa iddatteessuu miti carraa keessaa Iddatteessuu akkayyoofi Iddatteessuu darbaa dabarsaa yoo ta’uu meeshaaleen odeeffannoon itti funaannamee afgaaffii hindaandeefamne, daawwannaafi afgaaffii marii gareerratti xiyyeeffachuun odeeffannoon qixa sirrii taheen guuramee jira. Afgaaffiifi mariin garee kun manguddoota aannichaattiif kan dhihaatuudha.Odeeffannoon malleen kanaan funaannaman qoqqoodamuun mala ibsaattiin/descriptive method/ fayyadamuun kan qaacceeffamee,ibsaafi hiikkaan itti kennamee jira.Kanamalees,faayidaan darashiin qonnaan bulaa keessatti qabu immoo,hojii dadhabsiisaafi nuffisiisaa (hiffachisaa) tahee tokkoo kan yoo nama tokkoon hojjatamee yeroo dheeraa,humnaafi baasii olaanaa gaafatu namoota guuzarratti hirmaatan hunda sisi’eessuu,jajjabeessuufi of dagachiisaa jalaa miliqsiisuun hojjachiisaa yeroo gabaabaa keessatti bu’aa guddaa argachuuf qooda olaanaa qaba.Akkasumaas,malleen dubbii fakkoommii kanneen darashii keessatti tajajjiilan addaan baasuun eeramee jira. Argannoo armaan olii kanarratti hundaa’uun argame ammoo,walaloon darashii kun kan jiruufi jireenya hawaasichaa akka daawwitiitti calaqqisiisuu,maalummaafi eenyummaa qonnaan bulaa Harargee ifatti baasuun beeksiisuu,kan dhaloota dhufuuf kallatti itti agarsiisuuf tajaajjiluu leecceelloo ummata Oromooti. Kanamalees, safuu, kabajaa, duudhaa, jaalala, hawwii, fedhii, ilaalchaa…dhalootaa dhalootaatti daddabarsuuf shoora olaanaa akka taphatu hubachiisa.Kanaafuu, walaloon darashii kun akka hinirraanfatamne barreeffamaan hambaa godhanii kaa’uu taha.

Description

Keywords

Citation