Qaaccessa Sirna Buna Qalaa Oromoo Gujii (Haala Godina Gujii Lixaa, Aanaa Bulee Horaa)

dc.contributor.advisorTaliilaa, Xilaahuun (PhD)
dc.contributor.authorDirribaa, Taaddasaa
dc.date.accessioned2019-04-22T06:55:41Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:25:48Z
dc.date.available2019-04-22T06:55:41Z
dc.date.available2023-11-30T04:25:48Z
dc.date.issued2017-08
dc.description.abstractKa’umsa qorannichaatiin walqabatee mata-duree kana irratti akkan qoradhu kan kakaase sirni bunni qalaa yeroo ammaa kana keessatti godinaalee adda addaa keessatti dagatamaa deemuu isaa yoo ta’u, kaayyoon qorannoo kanaatis adeemsa sirna buna qalaa Oromoo Gujii qaaccessuudha.Faayidaan qorannoo kanaatis duudhaan adeemsa sirna buna qalaa dhaloota ammaa akka irraa barataniif tursiisuufi namoota qorannoo kanarratti qorachuu barbaadaniifis ka’umsa nita’a. Daangaan qorannoo kanaatis godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaatti daanga’eedha. Hanqina qorannichaatiin walqabatee rakkoo uumameef, tooftaa adda addaa fayyadamuun furmaata gahaa kaa’uun qorannoo kana fiixa baasee jira. Gama biraatiin kitaaboleefi qorannoon mata-duree kanaan firoomina qaban sakatta’amaniiru. Malli qorannichaa dhimma itti bahame mala akkamtaa yoo ta’u, tooftaaleen iddeessuu qorannichaa immoo iddatteessa ta’eessa yookan akkayyoodha. Maloonni funaansa ragaaleef hojiirra oolan afgaaffiifi daawwannaa yoo ta’u, ragaaleen mala kanaan walitti qabaman tooftaa qorannoo ibsaa fayyadamuun qaacceffamaniiru.Qorannoo kana keessatti argannoowwan qorataan adeemsa buna qalaa keessatti bira gahe dubartoonni buna qalamu fiixee isaa kan hinkunne ta’uu isaatiifi bunni qalaan qaalluufi qaama saala dubartootatti kan fakkeeffamu ta’uu isaati.Yaanni furmaataa bunni qalaan aadaa hawaasa Oromoo biratti yeroo durii beekkamus yeroo ammaa kana garuu godinaalee Oromiyaa muraasa qofa keessatti beekkamaa waan ta’eef, qaama dhimmi ilaallatu keessattuu biiroo aadaafi turiizimiitiin dhaloonni ammaa kuna biratti dagatamuu jalaa osoo hafee kan jedhuudhaen_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/18099
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleQaaccessa Sirna Buna Qalaa Oromoo Gujii (Haala Godina Gujii Lixaa, Aanaa Bulee Horaa)en_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Taaddasaa Dirribaa.pdf
Size:
1.18 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: