Xiinxala Gahee Durduriin Oromoo Hubannaa Dubbiisuu Barsiisuuf Qabu: (Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Lagaxaafootti Barattoota Kutaa 10ffaa Afaan Oromoo Baratan Irratti Xiyyeeffachuun)
No Thumbnail Available
Date
2021-11
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Kaayyoon qorannoo kanaas gahee durduriin Oromoo hubannaa dubbisuu barsiisuuf qabu irratti xiyyeeffachuun xiinxaluudha.Kaayyoo qorannoo kana galmaan gahuuf immoo gosti qorannoo hojiirra oole qorannoo yaaliiti.Qorannoo yaalii kana gaggeessuufis barattoonni kutaa 10ffaafi barsiisonni Afaan Oromoo barsiisan akka madda ragaa tokkoffaatti fudhatamaniiru.Haaluma kanaanis barattoonni garee to‟atamoofi garee yaalii mala iddatteessuu carraa buusuu (lottery system) fayyadamuudhaan filatamuun garee lamatti ramadamanii akka iddattootti fudhatamaniiru. Haaluma walfakkaatuun barsiisonni Afaan Oromoo barsiisan lakkoofsaan afur waanta‟aniif hundi isaaniituu mala iddatteessuu ammargeetiin akka iddattootti fudhatamanii jiru.Gama biraatiin Manni Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Laga Xaafoo bakka qorannoon kun itti xiyyeeffateefi bakka hojii qoratichaa waan ta‟eef mala iddatteessuu mijataatti gargaaramuun filatamee jira.Meeshaaleen funaansa ragaalee ta‟uun kan itti dhimma bahames qormaata, af-gaaffifi daawwannaa daree keessaati.Malleen qaaccesi ragaaleen qorannoon kun ittiin adeemsifames mala hammamtaafi akkamtaatti dhimma bahameera.Bu‟uuruma kanaanis, firiin qormaataa yaaliin duraafi yaaliin boodaa barattoota garee lamaaninuu galmaa‟e mala qaaccessa ragaa hammamtaatiin lakkoofsaan kan qaacceffame yoo ta‟u,moosaajii(sooftweerii) spss varshinii 23fi tii-teestiitti gargaaramuudhaan bifa gabatee,baar-chaartiifi pay-chaartiitiin agarsiifameera.Ragaalee barsiisota irraa af-gaaffiitiin argamaniifi ragaaleen daawwannaa daree mala qaaccessa ragaa akkamtaatti fayyadamuudhaan jechaan ibsuun qaacceffamaniiru.Haaluma kanaan akka firiin qormaata yaaliin boodaa kan garee lamaanuu walbira qabamee yammuu waldorgomsiifamu firiin qormaata kan garee yaalii warri hubannaa dubbisuu barruu durduriitiin baratan qabxii caalmaa kan galmeessisan ta‟uu isaa adda baasuun danda‟ameera. Kunis qabxiin giddu-galeessaa kan garee to‟atamoo qormaata 1ffaa,2ffaafi 3ffaa yoo fudhanne 3.54, 3.73,fi 4.11 kan agarsiisu yammuu ta‟u,kan garee yaalii immoo 4.04, 4.25,fi 4.43ta‟uu isaa nuuf mirkaneessa. Dhumarratti bu‟aawwan qoranicha irraa argameerratti hundaa‟uudhaan yaadoleen furmaataa kennamanii jiru.