Xiinxala Haala Dhiheenyaafi Walsimannaa Caaslugaa Kitaaba Barataa Kutaalee 9 Fi 10

dc.contributor.advisorAlamaayyoo, Amaanu’eel (PhD)
dc.contributor.authorMalkaamuu, Beetel
dc.date.accessioned2019-04-12T12:51:13Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:26:23Z
dc.date.available2019-04-12T12:51:13Z
dc.date.available2023-11-30T04:26:23Z
dc.date.issued2010-08
dc.description.abstractKaayyoon qorannoo kanaa haala dhihaannaafi walsimannaa caaslugaa kitaabilee barataa Afaan Oromoo kutaalee 9fi 10 bara 2005 maxxanfame xiinxaluudha. Galma ga‟insa kaayyichaatiif kitaabni barataa, qajeelchi barsiisaafi silabasiin sakatta‟amee jira. Kitaabni barataa, qajeelchifi silabasiin iddatteeffamanii jiru. Iddattoolee kanneen irraa ragaa walitti qabuuf ammoo meeshaalee funaansa ragaa sakatta‟a dookumentiitti dhimma bahaamee jira. Ragaan argame mala qorannoo akkamtaafi ammamtaa walmakaa (mala makoon) qaacceffamee, ibsamee jira. Ragaa kana irraas wanti hubatame dhihaannaan walsimannaa qabiyyee caaslugaa kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 9 fi 10 hanqina qabaachuu isaati. Dhihaannaa caasluga kitaabilee kanneen keessa jiru boqonnaadhaa gara boqonnaatti; akkasumas kutaadhaa kutaatti jiru xiyyeeffannoon kan hinkennamneef ta‟uu; walsimannaa boqonnaa tokkoo gara itti aanuuttifi kutaadhaa kutaatti jirus bakki kennamee xiqqaa ta‟uun hubatamee jira. Kanarraa kan ka‟e, dhihaannaan qabiyyee caaslugaa kitaabilee kanneen keessaa kan barattootaa haala gaariin hirmaachisuun caasluga dammaqinaan akka baratan taasisu miti. Akkasumas, dhihaannaan caaslugaa kitaaba barataa qajeelcha barsiisaafi silabasii xiyyeeffannoo guddaa kan barbaaduudha. Dhihaannaan caaslugaa kitaaba barataa Afaan Oromoo kutaa 9 fi 10 boqonnaalee keessatti qabiyyee dhihaatan walsimannaa akka qabaataniif; akkasuma, kutaadhaa kutaatti walsimannaa caasluga kitaabilee kanneenin keessatti dhihaatan cimsuun akka barbaachisuufi hanga kitaabni fooyya‟utti garuu barsiisonni tooftaa uumaanii qabxiilee kana xiyyeeffannaa keessa galchuun barsiisuu akka qaban bu‟aa qorannoo kanaa irraa kan argameedha.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/17922
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.titleXiinxala Haala Dhiheenyaafi Walsimannaa Caaslugaa Kitaaba Barataa Kutaalee 9 Fi 10en_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Beetel Malkaamuu.pdf
Size:
1.07 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: