Xiinxala Waantota Dandeettii Barreessuu Barattoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Irratti Sababa Ta‟An
dc.contributor.advisor | Dheeressaa, Dinqeessaa | |
dc.contributor.author | Siyyum, Siisaay | |
dc.date.accessioned | 2018-07-20T09:16:58Z | |
dc.date.accessioned | 2023-11-30T04:26:12Z | |
dc.date.available | 2018-07-20T09:16:58Z | |
dc.date.available | 2023-11-30T04:26:12Z | |
dc.date.issued | 2008-07 | |
dc.description.abstract | Kaayyoon guddaan qorannoon kun geggeeffameef, xiinxala waantota dandeettii barreessuu barattoota Afaan Oromoo irratti sababa ta’an qaaccessuudha. Qorannoon geggeeffame kunis mana barumsa qophaa’inaa magaalaa Shaashamaneefi qophaa’ina Luusii yommuu ta’u, manneen barnootaa kunniin mala iddattoo akkayyootiin filatame. Akkasumas, qorannoon kun mala qorannoo akkamtaafi ammamtaan(makaa) ijaaramee dhihaate. Kanamalees, qorannoo kana keessatti barattoonni 80 dareewwan hunda keessatti mala iddattoo carraa tasaatiin filatamanii raga akka kennan taasifamee jira. Dabalataanis, barsiisonni Afaan Oromoo kutaa 11ffaa 2 qofa waan ta’aniif lamaan isaaniiyyuu fudhatamuun raga akka kennan taasifamee jira. Akkasumas, qorannoo kana keessatti meeshaaleen funaansa ragaalee kanneen akka afgaaffii, bargaaffii, sakatta’a dookumtii, kitaaba Barataa Afaan Oromoo kutaa 11ffaafi qormaata waggoota afurii bara 2005 A.L.I hanga bara 2008 A.L.I barsiisonni mana barumsaa keessatti baasan sakatta’uun fayyadamuun ragaaleen funaanamanii jiru.Ragaaleen funaanamanis, mala qaaccessa ragaalee lakkoofsaafi jechaan qaacceffamanii dhihaatanii jiru. Argannoon qorannoo kanaarraa argame akka mul’atutti, barattoonni baay’een keeyyata Afaan Oromootiin barreessuu keessatti filannoo jechootaa, seerluga sirrii ta’etti fayyadamuu, hima gaarii ijaaruu, yaada maddisiisuu, yaada qindeessuu , sirna tuqaalee iddoo barbaachisaa ta’etti fayyadamuu dhabuu, qubeessuufi qubguddeessuu qindeessanii barreessuurratti barattoonni baay’ee dandeettii barreessuu Afaan Oromootiin qaban xiqqaa ta’uusaa hubatamee jira. Kanamalees, ilaalchi barsiisonni daree keessatti dandeettii barreessuu gonfachiisuuf itti fayyadamaniifi duubdeenii barreeffama barattootaaf itti kennaniifi qormaata yommuu qopheessan dandeettii barreessuu dandeettiiwwan biro waliin qixa baasuurratti xiyyeeffannoon kennan gadi aanaadha.Akkasumas,akkaataan gilgaaloonni dandeettii barreessuu kitaaba Afaan Ormoo kutaa11ffaa keessatti gochaaleen shaakalsiisan itti qophaa’an dandeetti birorraa hanqina kan qabu ta’uusaa hubatamee jira.Barsiisoonni Afaan Oromoo barsiisan shaakala barreessuu barattoonni taasisanirratti duubdeebii ijaaraa ta’e kennuun wantoota dandeettii barreessuu gonfachuurratti dhiibbaa fidan dhabamsiisuudhaaf gahee qaban beekanii osoo hojiirra oolchanii gaariidha. | en_US |
dc.identifier.uri | http://etd.aau.edu.et/handle/123456789/9549 | |
dc.language.iso | om-ET | en_US |
dc.publisher | Addis Ababa University | en_US |
dc.subject | Waantota Dandeettii Barreessuu Barattoota | en_US |
dc.title | Xiinxala Waantota Dandeettii Barreessuu Barattoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Irratti Sababa Ta‟An | en_US |
dc.type | Thesis | en_US |