Xiinxala Moggaasa Bakkeewwaan Aanaa Tolee

No Thumbnail Available

Date

2021-03-01

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun mata duree xiinxala moggaasa bakkeewwan Aanaa Tolee jedhu kanbu’uureffateyemmuuta’u, Kaayyoon isaas akkaataa moggaasa bakkeewwanii sakatta’uun ifa baasuudha.Xiyyeeffannoon hojii qorannoo kanaas hariiroon moggaasni bakkeewwanii aadaa hawaasaAanaa Tolee waliin qabu maal akka fakkaatu, haala rawwii moggaasa bakkeewwanii, bu’uuramoggaasa bakkeewwanii dhiibbaa moggaasa bakkeewwaniirra gahaa ture,qoodafudhattootamoggaasa bakkeewwanii faayidaa inni hawaasichaaf kennuu sakatta’amee qindaa’eedhiyaateera. Adeemsa qorannoo kanaaf malli akkamtaa kan filatame yoo ta’u,iddattoonniodeeffannoo kennanis tooftaa miti carraan erga filatamanii mala akkayyoofi mala darbaadabarsaatiin odeeffannoon akka funaanamu ta’eera. Ragaaleen funaanaman iddattootaafgaaffii fi maree garee xiyyeffannoo irraa yoo ta’an, mala akkamtaa hordofuunqaacceffamaniiru. Adeemsa kana keessatti ragaaleen funaanaman gara barreeffamaattijijjiiramuun qaacceffamaniiru. Ragaaleen qaacceffamuun xiinxalamanii erga hiikamanii yaadagoolabaarra gahuun danda’ameera. Kun immoo argannoo qorannoo kanaati. Qabxiileenargamanis akkaataan moggaasa bakkewwanii aadaa boonsaa fi beekamaa ta’uu isaati.Moggaasni bakkaa hawaasa bal’aa biratti akka beekamu taasisuurra darbee moggaasni gosabu’uureffatee moggaafamu kabaja, wal gargaarsa, safuu, aadaafi seenaa darbe yaadachiisuunguddina Afaan Oromootiif gumacha. Adeemsi moggaasa maqaa dur tooba mataa isaa eegee kandeemaa ture yoo ta’u, sirnoota builchiinsaa darban keessatti maqaalee bakkeewwanii AfaanOromootiin moggaafaman tokko tokkorratti dhiibbaan akka gahaa ture hubatameera.Moggaasnibakkeewwanii sanyii, siyaasa, qubsumaa,latiinsa, haala qilleensaa, teessuma lafaa,amantaa,seenaa goototaa,biqilootaafi kanneen kana fakkaatan bu’uureffachun moggaafama.Akkasumas moggaaasni bakkaa tokko bu’uura tokkoo ol qbaachuu danda’a. Gama biraan immoo,moggaasni bakkeewwanii tokko tokko aadaa hawaasa Oromoo waliin kan wal hinsimnenijiru.Sababni isaas sirnoota darban keessa bittoonni akkaataa aadaafi amantaa isaanii ibsuttibakkeewwan tokko tokko moggaasaa waan turaniif moggaasni bakkeewwan kunneenii aadaahawaasa kanaa waliin hariiroo akka hin qabaanne ta’ee jira. Dhumarratti Waajjirri AadaafiTurizimii, dhimma hawwaasummaa,hawaasa Oromoo Aanaa Toleefi qaamni dhimmi ilaallatuhundi safuu, aadaa,seenaafi duudhaa Oromoo gama moggaasa bakkaatiin darbu tursiisuunguddina Afaan Oromootiifgumaachuu akka qaban yaboo dhiyaate kana irraa hubachuunnidanda’ama.

Description

Keywords

Citation