Sakatta’a Dhihaannaafi Ga’umsa Gilgaalota Kitaaba Barataa Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Gama Dandeettii Barreessuutiin

dc.contributor.advisorTolamaaram Fufaa
dc.contributor.authorNa’iimaa Kadiir
dc.date.accessioned2026-11-16T06:57:16Z
dc.date.available2026-11-16T06:57:16Z
dc.date.issued2025-02-28
dc.description.abstractKaayyoon qorannoo kanaa dhihaannaafi ga’umsa gilgaalota kitaaba barataa barnoota Afaan Oromoo kutaa 11ffaa, gama dandeettii barreessuutiin sakatta’uudha. Galma ga’iinsa kaayyichaatiif kitaabni barataa sakatta’amee jira. Barsiisonni barnoota Afaan Oromoo barsiisan afur akka iddattootti fudhatamaniiru. Kaayyoo qorannichaa galmaan ga’uufis, malli qorannoo akkamtaa dhimma itti bahameera. Sababni isaas, odeeffannoowwan funaannaman hundinuu jechootaan waan ibsamaniif. Akkasumas, mala iddatteessuu miticarraa keessaa mala akkayyootu hojiirra oole. Ragaaleen qorannichaaf barbaachisan, sakatta’a kitaabaafi afgaaffii dhimma ba’uun kan argamaniidha. Qaaccessa ragaalee irraa wanti argame, hanqinni dhihaannaa kan akka dhihaannaa barreessuu afaan tokkoffaa hordofuu dhabuu; gochoonni barreessuu akaakuu dalagaa barreessuu too’atamaafi qajeelchaa qofarratti kan xiyyeeffatan ta’uu, gochoonni barreessuu barattoonni bilisaan akka shaakalan yookiin barreessuu bilisaatiif carraa kan hinkennine ta’uu; ga’umsi gilgaalota dhihaatanii ga’uma barattootaa sadarkaa kutaa 11ffaan kan walhingitne ta’uu; qajeelfamoonni shaakaloota barreessuu irratti kennaman qajeelfamoota Afaan lammaaffaa irratti kan bu’uureffaman ta’uufi walumaagalatti, shaakaloonni barreessuu kitabicha keessatti kennaman irra caalaan isaanii sasalphoofi sadarkaa himaafi keeyyata barreessuu irra kan hindarbine ta’uudha. Dhihaannaafi ga’umsa gilgaalota barreessuu kitaaba Afaan Oromoo kutaa 11ffaa qophheeffaman haala dhihaannaa barreessuu Afaan tokkoffaa barsiisuu irratti hundaa’uun akka barattoonni fedhii barreessuu horataniifi sadarkaa barattootaa giddugaleessa godhateen dhihaachuu akka qabuufi, ministeerri barnootaafi BBOfi qopheessitoonni kitaaba barnoota afaanii haala dhihaannaa afaan dhalootaa giddugaleessa godhachuun gilgaalota kitaabicha keessa jiran irra deebi’uun osoo fooyyessanii gaarii ta’a kan jedhan akka yaada furmaataatti eeramaniiru.
dc.identifier.urihttps://etd.aau.edu.et/handle/123456789/9678
dc.language.isoor
dc.publisherAddis Ababa University
dc.subjectdhihaannaafi ga’umsa gilgaalota kitaaba barataa barnoota Afaan Oromoo kutaa 11ffaa
dc.subjectgama dandeettii barreessuutiin sakatta’uudha.
dc.titleSakatta’a Dhihaannaafi Ga’umsa Gilgaalota Kitaaba Barataa Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa Gama Dandeettii Barreessuutiin
dc.typeThesis

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Na’iimaa_Kadiir_2025_ETD.pdf
Size:
2.07 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Item-specific license agreed to upon submission
Description: