Xiinxala Walsimannaa Gilgaalota Kitaaba Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 10ffaa Dhimmoota Naannootiin Walqabatan

dc.contributor.advisorDeressa, Dinkessa (PhD)
dc.contributor.authorKumsaa, Birhaanuu
dc.date.accessioned2020-11-10T07:56:31Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:25:55Z
dc.date.available2020-11-10T07:56:31Z
dc.date.available2023-11-30T04:25:55Z
dc.date.issued2019-08
dc.description.abstractKaayyoon qorannichaa walsimannaa Gilgaalota kitaaba barnoota Afaan Oromoo kutaa 10ffaa dhimmoota naannootiin walqabatan xiinxaluudha.Qorataan hanqinoota walsimannaa gilgaalota kitaaba barnoota Afaan Oromoo kutaa 10ffaa ilaalchisee gosa qorannoo keessaa ibsaa fi sakatta’insaatiin dhimma bahee jira.Akkasumas gilgaalota kitaaba barnootaa Afaan Oromoo kutaa kurnaffaa akka iddattootti, mala iddatteessuu kaayyeffamaatiin filatamanii jiru.Meeshaaleen odeeffannoon ittiin funaaname sakaatta’iinsa gilgaalota kitaaba Afaan Oromoo kutaa kurnaffaa yommuu tahu, dabalataanis af-gaaffii barsiisota Afaan Oromoo kutaa kurnaffaa barsiisaan irratti taasifameedha.Odeeffannoon sakatta’iinsa gilgaalota kanaaf af-gaaffii argame kunis, mala akkamtaan qaacceffamanii jiru. Haaluma kanaan ragaalee qaacceeffama kun walsimannaa gilgaalonni kitaaba barataa kutaa kurnaffaa keessatti argaman ciminaafi hanqina isaanii addaan bahamee jira. Kan malees walsimannaa dhabuun gilgaalotaa gama ogummaawwan afaanii, seerluga (beekumsa afaanii) fi afoola Afaan Oromoorratti mul’atan eeramanii jiru. Dhumarrattis gaaffileen barsiisotaaf af-gaaffiidhaan,dhiyaatanii akkaataa deebii kennitootarraa argameen gilgaalonni kitaaba barnoota Afaan Oromooo kana keessatti dihyaatan jireenya guyyuu barattoota ibsuufi haala jiruufi jireenya uummata Oromoorratti hanqinoonni jiran ibsamaniiru. Fakkeenyaaf gilgaalonni kitaaba kana keessatti argaman aadaa, seenaa, maalummaafi eenyummaa uummata oromoo ibsuurratti qindoomina dhabuudha. Kanaafuu gara fuula duraaf qophessitoonni meeshaalee barnoota kitaaba barnoota qopheessan irra deebi’uudhaan akka fooyyeessan yaada furmaata keessatti eramanii jiru.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/23132
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.subjectOromo Languageen_US
dc.titleXiinxala Walsimannaa Gilgaalota Kitaaba Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 10ffaa Dhimmoota Naannootiin Walqabatanen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Birahanuu Kumsaa.pdf
Size:
606.4 KB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: