Xiinxala Adeemsa Raawwii Kakuu Sirna Fooqa Darrabbaa: Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu
dc.contributor.advisor | Jaallataa, Taaddasaa (PhD) | |
dc.contributor.author | Fayyisaa, Gammachuu | |
dc.date.accessioned | 2020-11-11T07:54:44Z | |
dc.date.accessioned | 2023-11-30T04:25:57Z | |
dc.date.available | 2020-11-11T07:54:44Z | |
dc.date.available | 2023-11-30T04:25:57Z | |
dc.date.issued | 2019-08 | |
dc.description.abstract | Qorannoon kun Naannoo Oromiyaa, Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Kiiramuu, Ganda Tokkummaa Qoqoffee keessa Gooxii Darrabbaa jedhamu irratti kan gaggeeffamedha. Mata dureen qorannoo kanaas, Xiinxala Kakuu Adeemsa Raawwii Sirna Fooqa Darrabbaa: Godina Wallagga Bahaa Aanaa kiiramuu irratti kan xiyyeeffatedha. Kaayyoon isaas, maalummaa kakuufi qabiyyeewwan Kakuu Sirna Fooqa Darrabbaa Xiinxaluudha.Itti dabalees, Kakuu kana keessatti meeshaalee Aadaa tajaajila irra oolan, hiika fakkoommii isaaniifi afoollan sirna kana keessatti tajaajilaa jiran adda baasuudha.Gaaffileen bu’uuraa qorannoo kanaas qabiyyeewwan kakuu, meeshaalee aadaa tajaajila kanaaf oolan, afoollan ,fakkoommii isaaniifi faayidaa sirni kakuu kun hawaasa nannoo sanaaf kennu maal maal akka ta’e adda baasuu gaafata. Malli qorannoo kana keessatti iddattoo gaaffilee bu’uuraa deebisan itti filatame mala iddattessuu mit-carraa keessaa mala akkayyoo fayyadamuunidha.Meeshaaleen odeeffannoo ittiin sassaabbachuuf itti gargaarames; daawwannaa, afgaaffiifi mare garee yoo ta’u, kitaabileen sakatta’amuun raawwii kana deggeran dhiyaataniiru.Odeeffannoon iddattoo qorannoo kana irraa argame haala gaafilee bu’uuraa deebisaniin erga qoodamee booda jechaan ibsamuun hiikti itti kennameera. Haaluma kanaanis argannoon qorannichaa haala gaafilee bu’uuraan dhiyateera.Afoola Oromoo keessa makmaaksi kakuu fooqa Darrabbaa keessatti namoota wal shakkanii jaarsoliitti dhiyaataniif kan ittiin gorsaniifi amansiisanii araarsan, isa dide immoo kaksiisanidha. Kunis dhugaa hawaasa keessa jiru kan mul’ise ta’uu isaa argeen jira. Walumaagalatti qorannoo kanaan akka yaada furmaataatti kan adda bahee ibsamu adeemsi raawwii sirni kakuu kunkan hin barreeffamiinifi sammuu maanguddootaan daddarbaa waan as ga’eef waajjirri Aadaafi Turiizimmi qaama dhimmi ilaalu waliin ta’uudhaan barreessanii dhalootaaf akka ol kaa’an, heeraafi seera mootummaa keessa galchuun waajjiraalee haqa mirkaneessoo ta’an waliin wal deggaruun walitti dhufanii hojjechuun akka irra eegamu,tajaajilli saffisaan komee hin qabne kun hawaasicha akka dafee bal’inaan tajaajilu osoo irratti hojjetamee gaarii ta’a jechuudhaan qorannichi xumurameera. | en_US |
dc.identifier.uri | http://etd.aau.edu.et/handle/123456789/23163 | |
dc.language.iso | om-ET | en_US |
dc.publisher | Addis Ababa University | en_US |
dc.title | Xiinxala Adeemsa Raawwii Kakuu Sirna Fooqa Darrabbaa: Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu | en_US |
dc.type | Thesis | en_US |