Qaaccessa Ittifayyadama Meeshaalee Aadaa: Faaya Dubartootaa Ilaallatan: Haala Qabatama Godina Addaa Saba Oromoo Walloo Aanaa Kamisee
dc.contributor.advisor | Tiliilaa, Xilaahun (PhD) | |
dc.contributor.author | Darrasaa, Darajjee | |
dc.date.accessioned | 2018-07-19T07:26:44Z | |
dc.date.accessioned | 2023-11-30T04:25:46Z | |
dc.date.available | 2018-07-19T07:26:44Z | |
dc.date.available | 2023-11-30T04:25:46Z | |
dc.date.issued | 2008-07 | |
dc.description.abstract | Akkaataan ittifayyadama meeshaalee aadaa faaya dubartootaa faayidaa adda addaa kan qabuudha. Kanuman walqabatee, hanga ammaatti qorannoon meeshaalee aadaa faaya dubartootaa irratti gadfageenya gaggeeffame bal‟inaan hinjiru. Yeroo ammaa aadaa kun dubartoota Oromootiin dagatamuu haala dandaa‟u keessa jira. Kanummarra ka‟uun qorataan kun qaaccessa ittifayyadama meeshaalee aadaa faaya Dubartootaa Oromoo Walloo ilaaluf murteesse. Kanuma bu‟uureffachuudhaan daangaan qorannoon kanaa qaaccessa ittifayyadama meeshaalee aadaa faaya dubartootaa ilaallatan haala qabatama Godina Addaa Saba Oromoo Walloo keessa aanaa Kamiseerratti kan xiyyeeffateedha. Kaayyoon ijoo qorannoo kanaa akkaataa ittifayyadama meeshaalee aadaa faaya dubartootaa Ilaallata haala qabatama Godina Addaa Saba Oromoo Walloo Aanaa Kamisee keessatti argaman qaaccessun ibsuudha. Gama kanaan qorannoo walfakkiifi yaad-rimee haayyoota gama ittifayyadama meeshaalee aadaa wajjiin kan walitti dhufeenya qabannniis ilaalameera. Madda ragaawwan qorannoof kanaaf ta‟uus kan qindaa‟e hawaasa keessatti odeefkeennitoota dubartootaafi manguddootaa hubannoo akkaataa ittifayyadama Meeshaalee aadaa faaya dubartootaa beekan 10 irraa odeeffannoo funaanuun mala iddatteessuu eerummaati fayyadamuu mala qorannoo Akkamtaatti (qualitative) dhimma baheera. Akka waliigalaattis akkaataa ittifayyadama meeshaaleen aadaa faayaa dubartootaa aanaa Kamisee keessatti yeroo ammaa akka duraanii kan hinjiree ta‟uufi dhaloota haaraayaatiin salphatti irraaffatamuu danda‟uusa mul‟isa. Akkasamus, faaya ammayyaan bakka baasumaa jirachuu isaanii akka argannoo qorannoo kanaattin mul‟ateera. Argannoo qorannicha, keessatti tuqaman irratti hundaa‟uun Ittifayyadama Meeshaalee Aadaa Faaya dubartootaa akka hinbadneef qaamni dhimmi ilaallatufi Biiroon Aadaafi Turizimi Oromoo Walloo Kamisee aanoolee godinicha keessatti argamanitti godambaa ijaaruun cinaatti gosa isaaniitiin qooduun qorannoo gadi fagoo irratti taasisuu barbaachisadha. Haaluma walfakkaatun ogeessota meeshaalee aadaa omishaanif deeggarsi barbaachisuu gama waajjira Intarepiraayisi Mayikiroo xixiqqaatiin taasisuun akka gabaatti dhiyeessannii madda galii argachuun gochuun aadaa iccittii miidhagina dubartoota Oromoo Walloo tahe kana badiirra hambisuun labata dhuufuuf osoo dabarsani ummaticha faana turuu danda‟a | en_US |
dc.identifier.uri | http://etd.aau.edu.et/handle/123456789/9384 | |
dc.language.iso | om-ET | en_US |
dc.publisher | Addis Ababa University | en_US |
dc.subject | Ittifayyadama Meeshaalee Aadaa | en_US |
dc.title | Qaaccessa Ittifayyadama Meeshaalee Aadaa: Faaya Dubartootaa Ilaallatan: Haala Qabatama Godina Addaa Saba Oromoo Walloo Aanaa Kamisee | en_US |
dc.type | Thesis | en_US |