Qaaccessa Weedduu Aannan Raasuu Oromoo Karrayyuu

No Thumbnail Available

Date

2021-11

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Addis Ababa University

Abstract

Qorannoon kun mata-duree “Qaaccessa Weedduu Aannan Raasuu Oromoo Karrayyuu: Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee” jedhu irratti gaggeeffame. Gaaffileen bu’uuraa qorannichaa immoo, ergaawwan weedduu aannnan raasuu keessatti darban maal maali? Sadoomiiwwan weedduu aannan raasuu keessatti baay’inaan dhimma ba’an kam fa’i? Weedduun aannan raasuu yoomessa akkamii keessatti gaggeeffama? Namoonni weedduu aannaan raasuu irratti hirmaatan eenyu faadha? Faayidaa weedduun aannan raasuu Oromoo Karrayyuuf qabu maali? Sababootni weedduu aannaan raasuu laaffisan maal fa’i? kan jedhudha. Kaayyoon qorannichaa immoo, Ergaa Weedduu Aannan Raasuu Oromoo Karrayyuu qaaccessuudha. Yaaxinni qorannoo kana keessatti hojiirra ooles yaaxina faayidaafi haalawaati. Qorannoo kana galmaan ga’uuf, maddi ragaa manguddootaafi haawwolii weedduu aannan raasuu Oromoo Karrayyuu irratti hubannoofi muuxannoo qaban mala iddatteessuu miti-carraa ta’ee, akkayyoon filatamanidha. Odeeffannoo qorannichaaf barbaachisan immoo, malleen funaansa odeeffannoo keessaa daawwannaafi afgaaffiitti fayyadamuun odeeffannoo walitti qabuun danda’ameera. Ragaaleen roga garaagaraa irraa malleen funaansa odeeffannoo armaan olitti eeramaniin walitti qabaman kunniin mala akkamtaa fayyadamuun qoqqoodamuun boqonnaa afur jalatti qaacceffamaniiru. Ragaalee qaacceffaman kanneen bu’ureeffachuun argannoowwan jiran: Weedduun aannan raasuu Oromoo Karrayyuu ergaawwan loon faarsaan, goota faarsaan, miira dubartiin keessa isheetti dhagayame ibsachuun walqabate, bakka dheeda looniif tole faarsaan, hamtuu loonii qeeqaan, nama loon elmuuf haaraa ta’aniifi tiksee loonii gorsuuf oolan akka qabu qorannoon kun addeesseera. Kana malees, gosti sadoomiiwwanii weedduu aannan raasuu keessatti baay’inaan dhimma ba’aman:Akkasaa, anyaarsee, bakka buusa/Irdiba, nameessa, ukukkubeefi saaduu akka t’an qorannoo kanaan bira gahameera. Dabalataanis, weedduun aannan raasuu galgalaafi ganama lafa aduun yookaan hoo’i hinjirre mana keessaafi qarmammee (hulaa dura)’tti akka weeddifamu qorannichi ibseera. Hirmaattonni weedduu aannan raasuu haawwaniifi shamarran akka ta’eefi weedduun aannan raasuu Oromoo Karrayyuuf faayidaawwan akka: Yommuu Aannan raasan dadhabbina tokko malee akka raasanii baasaniif, loon faarsuuf, goota faarsuuf, gorsa ittiin walii dabarsuuf, bakka dheedumsa horiif mijataa ta’e faarsuufi miira keessa namaatti dhagayame ibsachuuf oolan akka qabuu qorannoo kanaan bira gahameera. Dhumarrattis, sababoonni weedduu aannan raasuu laaffisaa dhufan immoo, babal’achaa dhufuu amantaalee alagaa, qaroominaafi ammayyummaa hordofuu, geeddaramaa dhufuu haala jiruufi jireenyaa, dhiibbaa saayinsiifi teeknolojii akka ta’an qorannoo kanaan bira gahameera. Yaboon qorannichaa immoo, weedduu aannan raasuu hawaasichaan jaalatamaa ta’e kana yeroo yerootti qorachuufi kunuunsuun dhaloota kallattii qabsiisuun akka itti fayyadaman gochuun gahee waajjira Aadaafi Turiziimii aanichaa, hayyoota dhimmichi isaan ilaallatuufi abbaa afoolichaa kan ta’e dammaqiinsa hawaasaafoolichatti dhimma bahanii hundaa gaafata.

Description

Keywords

weedduu, aannan, raasuu, aadaa, fookloorii, afoola, yaaxxina, mala akkamtaa.

Citation