Qaaccessa Sirna Waaqeffannaafi Fayyadama Afaanii Warra Kallachaallee: Godina Shawaa Lixaa Aanaa Daannoo
dc.contributor.advisor | Fufaa, Tolamaaram (PhD) | |
dc.contributor.author | Iddeessaa, Nugusee | |
dc.date.accessioned | 2019-04-22T06:04:46Z | |
dc.date.accessioned | 2023-11-30T04:25:47Z | |
dc.date.available | 2019-04-22T06:04:46Z | |
dc.date.available | 2023-11-30T04:25:47Z | |
dc.date.issued | 2017-08 | |
dc.description.abstract | Mata dureen qorannoo kanaa Sirna waaqeffannaafi fayyadama afaanii warra kallachaallee qaaccessuu yoo ta‟u,Akkan qorannoo kana gaggeessuuf waanti na kakaases, ardaan jilaa kun amantii waaqeffannaa ganamaa kan falaasamaafi beekumsa hedduun badhaadhe akkasumas, fayyadama afaanii haalaan kan calaqqisiisu kun umurii dheeraa qabaatee osoo jiruu hanga ammaatti osoo hin barreeffamiin, hin qoratamiin, akkasumas, uwwisa midiyaalee kamiyyuu osoo hinargatiin waan jiruuf beekumsa gabbataa osoo hintuqamiin jiru kana hanga tokko beeksisuuf,akkasumas,barreeffamaan kaa‟uufidha. Kaayyoon gooroo qorannoo kanaas sirna waaqeffannaafi fayyadama afaanii adeemsa waaqeffannaa isaanii keessatti qaaccessuudha. Qorannoo kana gaggeessuufis qoratichi mala akkamtaatti Fayyadamamee jira.Iddattoon qoratichi haala addaan odeeffannoo irraa funaannate lakkoofsaan nama digdamii-saddeet(28)yoo ta‟an, mala iddatteessuu mit-carraa keessaa tokko kan ta‟e iddatteessuu akkayyootti dhimma bahee jira.Sababni iddatteessuu kun filatameefis qoratichi kaayyoo qabatee ka‟e fiixaan baasuuf qaama galmaan naaf gaha jedhee yaade bira deemee ragaa waan funaannateefidha.Akkasumas, milkaa‟ina qorannichaafis namni beekumsa gama sanaan qabu waan barbaachisuufi.Meeshaalee funaansa ragaalee keessaa daawwannaatti dhimma bahuun bifa waraabbiitiin yaada waliigalaa fudhachuun odeeffannoon funaanamee jira.Odeeffannoon maddeen ragaalee irraa funaanaman kunniin martinuu jechaan hiikamanii jiru. Qorannoo gaggeeffameenis ardaa jilaa kana keessatti haalli waaqeffannaafi fayyadamni afaanii haalaan qaacceffamanii jiru. Qaaccessa taasifameenis sirni waaqeffannaa warra kallachaallee duudhaalee isaa hunda guutuun kallattii tasgabbii guddaa qabuun kan adeemsifamu yoo ta‟u, ta‟insaaleen achitti raawwataman martis bifa sodaafi jaalala waaqaa uffateen kan adeemsifamanidha. Adeemsa waaqeffannaa isaanii keessattis gochiifi afaan yeroo hunda waliin waan adeemaniif waaqeffannaa isaanii keessatti fayyadamni afaanii haalaan kan calaqqisu yoo ta‟u gama dubbii qoolaatiin, jechamootaan, akkasumas ogummaalee biroo hedduun kan calaqqisan ta‟uun isaa bira ga‟amee jira. Dhumarrattis, qoratichi ardaa jilichaatii kaasee hanga sirna waaqeffannaafi ogummaalee afaanii birootti eegumsiifi kununsi guddaan akka taasifamuuf eeree jira. | en_US |
dc.identifier.uri | http://etd.aau.edu.et/handle/123456789/18088 | |
dc.language.iso | om-ET | en_US |
dc.publisher | Addis Ababa University | en_US |
dc.title | Qaaccessa Sirna Waaqeffannaafi Fayyadama Afaanii Warra Kallachaallee: Godina Shawaa Lixaa Aanaa Daannoo | en_US |
dc.type | Thesis | en_US |