Qaaccessarakkoolee Barattoonni Keeyyata Barreessuu Irratti Uumaniifi Wantoota Gufuu Ta’an: Xiyyeeffannoo Mana Barumsaa Jeneraal Taaddasaa Birruu Sadarkaa 2ffaa Kutaa 10ffaa
No Thumbnail Available
Date
2021-11
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Addis Ababa University
Abstract
Kaayyoon guddaan qorannoon kun adeemsifameef,Rakkoolee barattoonni Afaan Oromootiin keeyyata barreessuu keessatti uumaniifi wantoota gufuu ta’an adda baasuun qaaccessuudha. Qorannoon kun kan geggeeffame Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaaJeneraal Taaddasaa Birruu Kutaa 10ffaa keessattiidha. Qorannoon kun mala akkamtaafi hammamtaan fayyadamuun hojjatamee jira.Kana malees,maddi ragaa qorannichaabarattoota 40 dareewwan 17 keessaa mala iddattoo carraatiin filatamaniifibarsiisota Afaan Oromoo kutaa 10ffaa barsiisan shananuu irraa ragaan funaanamee jira.Akkasumas, qorannoo kana milkeessuuf meeshaaleen funaansa ragaalee kanneen akka qormaata keeyyata barreessuu, bargaaffii, afgaaffii fi daawwannaa daree fayyadamuun ragaaleen funaanamanii jiru.Ragaaleen funaanamanis,mala qaaccessa ragaalee lakkoofsaafi jechaan qaacceffamanii dhihaatanii jiru.Ragaan akka mul’isutti, barattoonni baay’een adeemsa barreessuu keessatti rakkoo sirnaan qubeessuu, hima ijoo, himoota gargaartuufi hima goolabaa barreessuufi keeyyata tokkummaa, wal ta’iinsaafi qindoomina qabu barreessuu irratti hanqina guddaa qabu.Dabalataanis, sababoonni ijoon rakkoolee keeyyata barreessuu: shaakallii dhabuu barattootaa, hanqina tooftaalee barsiisonni fayyadamanii keeyyata barreessuu barsiisan, hanqina yeroo keeyyata barreessuu shaakalsiisuuf kenname, kaka’umsaafi fedhii dhabuu barattootaa fi duub deebiin gahaan kennamuu dhabuudha. Rakkoolee kanneen furuuf, barsiisonni rakkoolee barattoonni uuman addaan baasuun xiyyeeffannoon irratti hojjachuu qabu.Barattootaaf yeroon shaakallii gahaan kennamuufii qaba. Barattoonnis dogoggora sodaachuu dhiisanii, kaka’umsaafi miira barreessuu shaakaluun na fayyada jedhuun ka’anii dandeettii isaanii fooyyeeffachuuqabu.