Qaaccessa Sirna Hammachiisaa Qaalluu Giiftii Dinqituutiin Raawwatamu

dc.contributor.advisorNagaasaa, Mulugeetaa (PhD)
dc.contributor.authorLammaa, Ababaa
dc.date.accessioned2020-11-10T06:49:48Z
dc.date.accessioned2023-11-30T04:25:52Z
dc.date.available2020-11-10T06:49:48Z
dc.date.available2023-11-30T04:25:52Z
dc.date.issued2019-08
dc.description.abstractQorannoon kuni, Qaaccessa Sirna Hammachiisaa Qaalluu Aanaa Ada‟aa Giiftii Dinqituutiin Raawwatamu irratti kan xiyyeeffateedha.Ka‟umsifi kaayyoon qorannoo kanaa mataduree kana jalatti maqaan Oromoofi Oromummaa ibsu, aadaan, seenaan, safuun waaqeffattootafi qaalluun Oromoo Nafxanyootafi kanneen birootiin dhiibbamee badaa waan turee qoratamee barreeffamaan qaaccessee olkaa‟uufi dhaloonni akka irraa baratu taasisuudha.Qaalluun beekaafi riqicha uumaafi uummamaa ta‟ee tajaajila hedduu qaba.Maqaan ibsituu eenyummaa saba tokkoo yoo ta‟u,sirna hammuutiin kan kennamu Oromoofi Oromummaa darbees aadaafi seenaa waliin walqabatee falaasama saba Oromoo kan calaqqisiisu ta‟uu isaa raagaa dhugaafi amansiisaa ta‟een deeggaramee ibsameera. Odeeffannoon qorannoo kanaa madda ragaa 1ffaa maanguddoolii Oromoo naannoo sanaafi madda ragaa 2ffaa barruuwwan adda addaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta‟u, iddaattoon qorannoo kanaas mala akkayyoofi darbaa dabarsaa ta‟uu isaa ibsameera.Akkasumas malleen funaansa ragaa qorannoo kanaa afgaaffii, daawwannaafi marii garee waan ta‟eef, haalli sirni hammachiisaa itti raawwatamu tartiiban malleen qorannoo kanneenin qindeeffamee qoodamuun qaacceffamaniiru. Dabalataan sirni hammachiisaa yoomeessa mataa isaa kan qabuu yoo ta‟u, miira bultee ayyaanaafi ayyaantuwwanii kan eegudha.Fakkoommifi fookiloorii sirna hammuu keessa jiran marti ibsamaniiru.Kunis falaasama hawaasa naannoo sanaan jaalatameefi labata waa barsiisudha. Nafxanyoonni amantaa, aadaa, safuufi sirna hammachisaa maqaa Oromoofi Oromummaa ibsu jibbanii dhiibuun masaraa Qaallichaa/Qaallitti gubanii bataskaanfi maskiidaa Oromiyaa keessatti ijaaraa turaniiru.Haalli kun dhala Oromoo Oromummaa himatuufi ibsatu irratti rakkoo cimaa ta‟aa waan dhufeef falli isaa sirna Hammachiisaafi Gubbisaa fakkoomifi fookiloorii isaa waliin uummanni Oromoo jabeessee eeggachuufi dagaagsuu qabu.Qaalluun qulqulluu riqichaa uumaaafi uummamaati waan ta‟ee jibbamuu hinqabu.Maqaalee dur abaabileen baasaa turan daa‟ima ofiitif baasuufi kan amantii biraa keessa jiru ammoo baasufii dhiisuu qabu.Namni dhiigaan Oromoo ta‟ee maqaa alagaatiin waammamu karaa seeratiin Bu‟uura Seera Hariiroo Hawaasaa Keewwata 43 (afurtamii-sadi) tiin ofirraa galchuun kan ofiitiin waammamuu qaba yaanni jedhu qabatamaafi amansiisaa ta‟ee mul‟ateera.en_US
dc.identifier.urihttp://etd.aau.edu.et/handle/123456789/23112
dc.language.isoom-ETen_US
dc.publisherAddis Ababa Universityen_US
dc.subjectOromo Languageen_US
dc.titleQaaccessa Sirna Hammachiisaa Qaalluu Giiftii Dinqituutiin Raawwatamuen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Ababaa Lammaa.pdf
Size:
1.7 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description: