Qaaccessa Dhiyaannaa Xinjechaa: Kitaabilee Barnoota Afaan Oromoo Kutaalee 5fi 6 Bara 1996/2004qophaa’anirratti Kan Xiyyeeffate.

dc.contributor.advisorTolamaaraam Fufaa (PhD)
dc.contributor.authorAbarraa Abdii
dc.date.accessioned2024-02-02T06:04:53Z
dc.date.available2024-02-02T06:04:53Z
dc.date.issued2021-11
dc.description.abstractMata duree kana keessatti kaayyoon qorannoo kanaa dhiyaannaa xinjechaa kitaabilee (Silabasii, kittaba barataafi qajeelcha barsiisaa) barnoota Afaan Oromoo kutaa 5fi6 qophaa’an keessatti dhiyaatan qaaccessuudha. Ijaarsa jechootaan walqabatee,dhiyaannaan xindhamchaa kitaabilee (Silabasii,kittaba barataafi qajeelcha barsiisaa) barnoota Afaan Oromoo kutaalee kanneen keessatti dhiyaatan maal akka fakkaataniifi Ijaarsa jechootaan walqabatee,hanqinaalee gama dhiyaannaa dhamjechootaan mul’atan maal akka ta’an adda baasanii qaaccessuudha. Ijaarsa jechootaan walqabatee,haala dhiyaannaa dhamjechootaa kitaabilee kanneen keessatti mul’atan adda baasuun furmaata barbaaduuf immoo, adeemsa qorannoo ibsaatti gargaarame. Yaaxinni qorannoo kana keessatti dhima itti bahames, yaaxina caasawwaati. Kitaabileen barnootaa, barsiisonni Afaan Oromoo mana barumsaa garaagaraa keessatti barsiisan akka iddattootti filatamaniiru. Barsiisonni kunneen, mala iddatteessuu mit-carraa keessaa, iddatteessuu akkaayyootti gargaaramuun filataman.Meeshaaleenittiin odeeffannoon walitti qabame immoo,mirkaneeffannaa kitaabilee barnootaa,afgaaffiifi bargaaffii barsiisotaati. Odeeffannoon meeshaalee kanneeniin walitti qabame mala qorannoo akkamtaafi ammataatiin (makaatiin) qaaccessameera.Akka argannoo qorannoo kanaatti, Ijaarsa jechootaan walqabatee, maalummaan dhamjechootaa gad-fageenyaan ibsamuu dhiisuu, Ijaarsa jechootaan walqabatee, garaagarummaan jechaafi dhamjechaa adda bahee dhiyaachuu dhiisuudha.Kana malees, dhamjechoonni akkamitti akka barataman ifaan kitaabilee (Silabasii,kittaba barataafi qajeelcha barsiisaa) keessatti ifa ta`ee hin teenye. Haaluma wal-fakkaatuun Ijaarsa jechootaan walqabatee, uumamaafi hormaata jechootaa irrattis wanti sirriidha jedhamee hubatame ifoomee hinargamne. Haaluma wal fakkaatuun, Ijaarsa jechootaan walqabatee, bakki argama dhamjechootaa bal’inaan kaa`amuu hafuusaafi dhamjechoonni Silabasii,kitaabilee barataafi qajeelcha barsiisaa keessatti dhiyaatan boqonnaalee garaagaraa keessatti walfudhachuu hafuu akka ta’e bira ga`ameera.Dhumarratti argannoo qorannoo kanaa irratti hundaa’uun yaadni furmaataa kennames, Ijaarsa jechootaan walqabatee, dhamjechoonni kitaabilee (Silabasii,kittaba barataafi qajeelcha barsiisaa) barnootaa Afaan Oromoo keessatti dhiyaatan haala mataa isaaniin barachuu barattootaa giddu-galeessa godhatanii dhiyaachuu akka qabaniifi bakka argama dhamjechootaa bifa ifa ta’een dhiyaachuu akka qabu eerameera.Kana malees, Ijaarsa jechootaan walqabatee, matadureewwan dhamjechootaa boqonnaalee garaagaraa keessatti qindaa’anii dhiyaachuu akka qabaniifi haala jechoonni uumamaniifi horan tajaajila caasluga afaanii adda addaatiif itti argamuu danda’an fakkeenyaan deeggaramee kitaabilee (Silabasii,kittaba barataafi qajeelcha barsiisaa) barnoota Afaan Oromoo keessatti dhiyaachuu akka qabu qopheessitoota kitaabilee barnoota Afaan Oromootiifi sirna barnoota Afaan Oromoo qopheessaniif,qabxileen kunneen akka yabootti dhiyaatanii jiru.
dc.identifier.urihttps://etd.aau.edu.et/handle/123456789/1674
dc.language.isoor
dc.publisherAddis Ababa University
dc.titleQaaccessa Dhiyaannaa Xinjechaa: Kitaabilee Barnoota Afaan Oromoo Kutaalee 5fi 6 Bara 1996/2004qophaa’anirratti Kan Xiyyeeffate.
dc.typeThesis

Files

Original bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
Abarraa Abdii.pdf
Size:
1.22 MB
Format:
Adobe Portable Document Format
License bundle
Now showing 1 - 1 of 1
No Thumbnail Available
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Item-specific license agreed to upon submission
Description: