Waraqaa Qorannoo Digirii Lammaffaa (Ma) Guuttachuuf Qoannoo Afaanc Muummee Afaan Oromoo, Ogbarruufi Fooklooriif Dhiyaate
| dc.contributor.advisor | Asafaa Tafarraa | |
| dc.contributor.author | Abarraa Waaqjiraa | |
| dc.date.accessioned | 2026-03-10T13:28:18Z | |
| dc.date.available | 2026-03-10T13:28:18Z | |
| dc.date.issued | 2025-07-17 | |
| dc.description.abstract | Qorannoon kun mata duree “Qaaccessa Unkaa fi Akkaataa Hojiiwwan Galaanaa Gaaromsaa Bara 2008 Hanga 2014fi Sirboota Aadaa”irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, ka’umsi qorannoo kanaa sirboonni haaraa (ammayyaa) qophaa'an hariiroo isaan sirboota aadaa waliin qaban qorachuun rakkoo dagatamuu sirboota aadaa baraaruun dhalootaaf akka darbu gochuudha. Kaayyoon qorannoo kanaas unkaafi akkaataa hojiiwwan Galaanaa Gaaromsaa Bara 2008 Hanga 2014 fi sirboota aadaa qaaccessuu irratti kan xiyyeeffatu yoo ta'u, kaayyoo qorannoo kanaa galmaan ga’uudhaaf qorataan mala akkamtaa hojiirra oolchee jira. Irraawwatamni qorannoo kanaa hojii Galaanaa Gaaromsaa bara 2008 hanga 2014fi sirboonni aadaa filatamanii jiru. Qorannoo kana keessatti akka madda odeeffannootti kan fudhataman sagaleefi suursagalee hojii Galaanaa Gaaromsaa bara 2008 hanga 2014 fi sirboonni aadaa qorannicha keessatti haammatamaniiru. Iddattoo filachuudhaaf mala iddattoo miti carraa keessaa malli miti carraa akkayyoo hojiirra oolee jira. Bu’uuruma kanaan mala ragaa sakatta’uu fayyadamuun sirboota aadaa qorannoo kanaaf barbaachisan funaanuuf ragaalee sagaleefi suursagaleedhaan marsaalee hawaasaa irratti argamaniifi barreeffamaan jiran funaanuuf hojiirra oolanii jiru. Malli qaaccessa ragaa mala walbira qabaa (comparison) fayya damuun walaloo sirboota Galaanaa Gaaromsaa bara 2008 hanga 2014fi sirboota aadaa filataman walbira qabamuun mala akkamtaatiin kan qaacceffame yoo ta’u, ragaalee sagaleefi suursagaleen jiran gara barreeffamaatti jijjiiruudhaan kaayyoo qorannoo kanaa galmaan gahuuf akka ragaa qorannoof ta’utti mata duree gurguddaa lamaan unka hojiiwwan Galaanaa Gaaromsaa bara 2008 hanga 2014fi sirboota aadaa jalatti argaman kanneen akka walaloo unka cufaa, walaloo unka banaa, toora, safara, birsaga, buusaga (walunata sagalee), dhikkisa (yaa’a sagalee),cabsata (buusaa)fi durdura sagaleetti qindaa’anii jiru. Mataduree akkaataa hojiiwwan Galaanaa Gaaromsaa bara 2008 hanga 2014fi sirboota aadaa jedhu jalatti ammoo mata duree xixiqqaa kanneen akka filannoo jechootaa, tartiiba jechootaafi malleen dubbiitti qoqqooduun mala akkamtaatti fayyadamuun qaacceffamanii jiru. Haaluma kanaan, qaaccessa unka hojii Galaanaa Gaaromsaa bara 2008 hanga 2014fi Sirboota Aadaa keessatti taassifaameen unka cufaa, unka banaa walbira qabamee qaacceffamee jira. Dabalataanis, qaaccessa Buufata, safara, dhikkisa, birsaga, buusaga (walunata sagalee), cabsataafi durdura sagaleetiin qaacceffameen unkoonni hojii Galaanaa Gaaromsaafi Sirboota Aadaa keessatti argaman adda bahanii hariiroon isaan gidduu jiru hubatamee jira. Bifuma walfakkaatuun, akkaataa dhiyaannaa hojii Galaanaa Gaaromsaafi sirboota aadaa jalatti ilaalamuu qaban keessaa filannoon jechootaa, tartiiba jechoonni ittii qindaa’aniifi itti fayyadama malleen dubbii irratti qaaccessi gadifagoon gaggeeffamee malleen dubbii hojii Galaanaa Gaaromsaafi sirboota aadaa keessa jiran maal fa’aa akka ta’aniifi walitti dhufeenyi filannoon jechootaa, tartiiba jechoonnifi gama fayyadama malleen dubbiin jiranis qaacceffamanii jiru. Unkoonni sirboota aadaas dagatamaa akka hindeemneef qaama kamiinuu xiyyeeffannoon osoo kennameefi gaariidha. Haalli bo’oowwan buufata keessaa, safarri, dhikkisni sagalee, walunatni sagalee fi durdurri sagalee walalootti sirboota ammayyaa keessatti qophaa’u unka sirboota aadaa tursuu akka danda’utti osoo ta’ee, Akkaataan fayyadamaa, tartiiba qindoomina jechootaafi malleen dubbii ergaan dabarsuuf gahee olaanaa waan qabuuf hojii walaloo kam keessattuu osoo xiyyeeffatamee gaarii ta’a | |
| dc.identifier.uri | https://etd.aau.edu.et/handle/123456789/7988 | |
| dc.language.iso | en | |
| dc.publisher | Addis Ababa University | |
| dc.subject | Qorannoon kun mata duree “Qaaccessa Unkaa fi Akkaataa Hojiiwwan Galaanaa Gaaromsaa | |
| dc.title | Waraqaa Qorannoo Digirii Lammaffaa (Ma) Guuttachuuf Qoannoo Afaanc Muummee Afaan Oromoo, Ogbarruufi Fooklooriif Dhiyaate | |
| dc.type | Thesis |